Baakteriyaa Garaachaa

Baakteriyaa Garaachaa Jechuun Maal Jechuudha?

Namootni baakteriyaan garaachaa isaan irratti mul’ate mana yaalaa deemanii qoratamuun barbaachisaadha, namootni hedduun mana yaalaa deemuu hin filatan salphaadhumatti of yaaluu barbaadu, mana yaalaa yeroo dhufan yaalonni kennaman jiru jalqaba irratti yaaliin osoo isaaniif hin kennamin qorannoon godhaman jiru.  Akkuma beekamu baayinaan dhibee garaachaa kana kan namatti fidan keessaa tokko baakteriya helicopter flooring kan jedhaman sanaadha.

Kanaaf namni mallattoo kana qabu jalqaba kan godhamuu qabu qorannoon sagaraa godhameefii baakteriyaan kun keessa jiraachuu kan ittiin ilaalamu ta’a tarii biyyoota guddatan keessattimoo karaa hafuura kan test ta’ani jiru qorannoon kanaan baakteriyaan jiraachuu fi dhiisu isaa kan adda bahuudha jechuudha.

Gama biraatiin qorannoowwan godhaman baay’een isaanii akkaataa dhukkubsataan sun dhiyaate irratti ta’a tariitii namoota umuriidhaan fagaatan yookaan ammoo namoota garaan isaanii baayinaan dhibibsu ta’uu danda’a kanneen yoo ta’e qorannoon yaalaa mar’umaan keessaa fi alaa kan garaacha keessaa indoskoppi jedhamu jira qorannoon kunillee kan ogeessi fayyaa ilaalee murteessuu danda’u dhukkubsataan tokko ka’ee ofuma isaatiin ka’ee ilaalamuun qaba kan jedhu osoo hin taane mana yaalaa deemee qorannon kun si barbaachisamoo sin barbaachisu yeroo itti jedhamu jira.

Akkuma beekamu biyya guddataa jirru keessa jirra biyya keenya keessatti baayinaan iddoo hedduutti hin argamu xiqqoo qorannaan isaas qaalii waan ta’eef jecha ogeessa fayyaa tokko decide godha jechuudhaa.

Dabalataan qorannoowwan godhaman tokko tokkos nii jiru. Isaan kunis qorannoo dhiigaas ta’uu danda’a haala dhukkubsataan sun dhiyaate irratti hundaa’uudhaan ilaalameetu qorannoon sun taasifama jechuudha. Gama biraatiin yaala isaatti yoo deemne yaalli isaa nii jira. Jalqaba irratti mana yaalaa deemuu akka isaan qabaniidha. Mana yaalaa erga deemanii booda baakteriyaan garaachaa positibe ta’ee jennan qorichi dursa kennamuuf jira. Baakteriyaa garaacha sanaa balleessuf yoo barbaachise.

 Garuu hawaasni keenya waan hubachuu qabu sababa namootni dubbataniif mallattoodhuma garaachaaf jettanii qorichuma namoota keenya biratti baratame waan jiruuf kun tarii mallattoo isaa nutti fooyyessuu danda’a ta’a garuu baakteriyaan kun booda wal horaa deemee keessoo qaama keenyaa irratti miidhaa geessisuu waan danda’uuf hamma kaanseri garaachattillee guddisuu danda’a waan ta’eef qoratamuun baay’ee barbaachisaadha.

kanaaf yaaliin kennamu akkuma beekamu asiidii garaachaa kana hir’isuudhaaf yaaliin kennamu jira qorichi kennamu jechuudhaa asiidiin garaachaa kuni akka inni baayinaan hin heddummanneef jechuudhaa. Kan biraan ammoo asiidii madde kana kan asiidummaa isaa hir’isus jira kanaaf hawaasni keenya mana yaalaa deemee qoratamee waantotni kunneen isaaniif kennamuu qaba jechuudhaa.

Garaacha Keenyaaf Eeggannoo Nuti Gochuu Qabnu Maali?

Akkuma beekamu qorochi qofti ga’aa miti inni guddaan kan ofii keenyaa of yaaluu dandeenyu ta’uu qaba. Yeroo kana ogeessi fayyaas guutummaan guutuutti fayyiteetta jedhani namatti himuun ulfaachuu danda’a waantotni nuti ofii gochuu qabnu jiru waan ta’eef garuu namootni dhibee garaachaa qaban of eeggannoo akkamii gochuuf qabu kan jedhurraa kaafnee ilaaluu dandeenya.

Jalqaba dhibee kana kan nutti fidan keessaa tokko dhiphina, dhiphinni kunimmoo hojiitti busy ta’uu irraan kan ta’es ta’uu danda’a, ykn hirribas dhabuu ta’uu danda’a haata’u malee dhala namaa haga taatetti dhiphina balleessuun hin danda’amu garuu hir’isuun nii danda’ama. Kanaaf haala jireenya keenya wajjin wal madaalchisuun nii danda’ama. Sababni isaa yoodhuma qoricha fudhanneyyuu asiidiin sun ofiisaan akka maddu waan godhuufi of eeggannoo gochuuf akka qabnu hawaasni keenya beeku qabna.

Gama biraan yoo ilaalle nyaata irratti waan baayee ilaaluu dandeenya. Namootni tokko tokko yeroo hedduu yeroo nyaatanis kan dhukkubu yoo nyaata hin nyaannes kan dhukkubu jira bakka sanatti garaagarummaa nii  qabaata. Inni guddaan fakkeenyaaf amma ciree sa’atii lamatti nyaadhee, laaqana sa’atii 8tti nyaadhee irbaata sa’a 2tti nyaadhee, laanaqa sa’a 6tti nyaadhee bifa kanaan yoon garaachakoo barsiise sana booda sa’a wal jijjiiree nyaachuun eegala yoon ta’e yeroo sana asiidiin madduu hin dhiisu garaacha duwwaa irratti dhangala’a jechuudhaa.

Garaacha duwwaa irratti yeroo dhangala’u tarii garaachi sun madaa’uu danda’a baay’ee dhukkubsa jechuudhaa kanaaf yeroo nyaata keenyaa eeggachuu qabna. Kan biraani nyaata akkamii nyaatamuu qaba isa jedhuudha. Yeroo hedduu nyaati urgooftuun itti baayatu keessumaa kan akka qimamiin itti heddummatu nyaachuun gaarii miti. Namootni hedduun yeroo nyaata akkasii nyaatan dhibee kanaaf saaxilamoodha.

Nyaata fuduraa fi kuduraan sirrii miti soorata asiidii of keessaa hin qabne baayinaan soorachuu akka hnn qabneedha kan gorfamuu qabu kanneen akka burtukaanii, loomii isaan kun asiidii baay’ee of keessaa qabu waan ta’eefi. Kan asiidii of keessaa hin qabne kanneen akka dinnichaa, apple faa ta’uu danda’a kanneen nyaata callaawwan kunis gaariidha.  Kannen biroon tamboo harkisuu, dhugaatii alkoolii, buna (kaafenii)buna baayinaan dhuguu, garaacha keenya baayinaan waan miidhuuf of eeggannoo gochuu qabna.

Gama biraatiin yoo ilaalle ammoo yeroo hirriba madaalawaa ta’e qabaachuudha. Hirriba dhabuunis baay’ee nama miidha waan ta’eef hojiitti baayinaan dhiphinaan dabarsuunis keessumaa shamarran keenya biratti waanti beekame tokkos jira innis mastiikaa alanfachuu yeroo beela’anis mastiikaa namootni nyaatan jiru garaachi nyaata bulleessuu keessatti asiidiin qooda olaanaa qaba yeroo mastiikaa nyaannu kanatti garaachi keenya akka waan nyaati dhufaa jiruutti eega waan ta’eef asiidii gadhiisa kanaaf mastiikaa yeroo hedduu alanfachuun gaarii akka hin taane hubachuu qabna. Kan biraan ammoo dhugaatiwwan saamsamoo ta’an carbohydrate kan jennu kanneen akka lallaafaa baayinaan fayyadamu dhiisuudha.

Kan biraanii baakteriyaa garaachaa positive ta’ee jennan qorichi gosa sadii kennamutu jira.  Garuu hawaasni keenya kan barate mallattoodhuma ishee guyyaa lamattis sadiitti irraa dhabamu qoricha dhiisu. Inni biraan qorichi cinatti miidhaa nii qaba miidhaa sana baqachuudhaan namootni qoricha fayyadamu barbaadan tokko nii dhiisu egaa baakteriyaan kuni induune.Qorichi tokko turban lamaaf kenname taanan torban lamaanuu fudhachu, hanqisuu fi dhiisu hin qabnu jechuudhaa.

Egaa garaachi yaala hin arganne yoo ta’e qaama keenya irratti miidhaa garaagaraa fiduu danda’a keessumaa garaachuma keessatti yoo ilaalle madaa’uu garaachaati.Garaachi tokko madaa’ee jennan sadarkaa garaagaraa irraan nu ga’uu danda’a garaachi keenya keessoo garaatin ujummoowwan dhiigaa nii jiru yammuu haphiin haguuggiin garaachaa sun irraa ka’aa deemutti ykn mada’aa yammuu deemutti hamma dhiiguu garaachaatti nama geessa jechuudhaa.

Garaachi alatti yeroo dhiigu akka balaqqamsiisuu danda’a garaa keessattis dhiiguu danda’a dhiigee jennan maal ta’a dhiigni keenya yeroo dhangala’u hir’inni dhiigaa nu mudachuu danda’a iji keenya, sammuun keenya kaleen keenya dhiigaa ga’aa hin argattu onnee keenya dabalatee jechuudhaa.

Dhiigni keessatti gaafa dhangala’u garaachi urachuu danda’a akkuma jalqaba jenne urate jennan waanti garaacha keenya keessa jiru gara qaama alaattimmoo farra ta’a toxin ta’uu danda’a keemikaala waan ta’eef kanaafimmoo dho’ee jennan gara yaalii baqaqsanii yaaluuttu nama geessa jechuudhaa. Egaa yaaliin baqaqsanii yaaluu kunis ammoo dhiibbaa mataa isaa qabaachuu danda’a akkasuma namootni hedduun ammoo dhiisu danda’u kunimmoo tarii lubbuu isaanillee dabarsuu danda’a, baakteriyaan sun guddataa wal horaa deemee seelii qaama keenya irratti miidhaa geesisuu danda’a kanaaf gara kaanselii garaachittillee guddachuu danda’a kanaaf yaaliin adda addaa nii jira namni kamiyyuu deemee ilaalamuu qoratamuu qaba.

1 thought on “Baakteriyaa Garaachaa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

error: Content is protected !!