Thursday, June 20, 2024
Health News

Bishaan Qorraa fi Hoo’aa

Faayidaa fi miidhaa bishaan qorraa fi hoo’aadhaan qaama dhiqachuu as jalatti gadi fageenyaan haa ilaallu.

Bishaan Qorraadhaan Qaama Dhiqachuu

Bishaan qorraadhaan qaama dhiqachuun namoota hedduu kan hin gammachiisne haa ta’uyyuu malee faayidaan isaa hedduudha. Bishaan diilalla’aa kanaan qaama ofii dhiqachuun kan jalqabaa fi isaan  gurguddoon madaa’uu fi dhiita’uu hir’isuudha (decrease inflammation and swelling). Madaan qaama irra jiru tokko dafee akka fayyu amala taasisuu qaba.

Akkasuma dadhabbii foonii hir’isuu keessumaa sochii qaamaa taasisnee hojii adda addaa hojjennee foona qaama keenyaa akka dadhabbii hin godhanne keessattuu namootni sport gurguddaa hojjetan baay’ee itti fayyadamu jechuudha. Dabalataanis dhukkubbii qaamaa hir’isuu, Namni dhukkubbii qaamaa qabu gaafa bishaan qorraadhaan dhukkubbii qaamaa dhiqate amala dhukkubbii dhiisu qaba.

Akkasumas hanga kortisoli qaama keessaa hir’isuudhaan fayyummaa qaama keenya ga’ee mataa isaa taphata jechuudha. Akkasuma deddeebii dhiigaa fooyessuudha. Kana jechuun dhiigni akka garaa isaa qaama keenya keessa akka inni deddeebi’uu taasisuudha. Egaa bishaan qorraan dhiqachuun ga’ee guddaa qaba.

Bishaan qorraan yeroo hundaa qaama ofii dhiqachuun faayidaalee tamsa’ina dhiigaa fooyessuu miira dhiphinaa furuu fi daddammaqiinsa hedduu kan dabaluudha.  Dhibeewwan akka dhiphinaa ykn cinqum sammuus ni yaala maashaalee dadhaban ni cimsacooma qaamaa ni gubu akkasuma dandeettii sirna dhibee dandamachuurrattis gahee guddaa nii qabaata.

 Hunda dursa waanti beekamu bishaan qorraan wayita qaama keenya irra bu’u qaama namaa naasisuu mala. Kunimmoo faayidaa mataa isaa qaba. Kunis hatattamaan deebii kenna. Kunimmoo dha’annaa onne fi tamsa’ina dhiigaa nii dabala hormoonii adreenaaliin jedhamus akka burqisiifamu taasisa. Fayyummaa onnee fi dhiigaa sirriitti fayyada jechuudha.

Kana malees egaa bishaan qorraan qaama dhiqachuun oomishamuu seelota dhiiga adii dabaluudhaan ittisoo qaamaa cimsa.  Akkuma beekamu dhiigni keenya seelota adda addaa qaba. Isaan keessaa seeliin dhiiga diimaa oksijiinii qaama keessa deddeebisuu gargaara, seeliin dhiiga adiimmoo dhibeewwan adda addaa qaama keenya irraa ittisuuf gargaara.

Egaa yeroo qaama keenya bishaan qorraan dhiqannu seelonni dhiiga adii dabaluu qaamonni keenya dhibeewwan adda addaatiin akka hin saaxilamne akka hir’isu taasisa jechuudha. Kana malees qaamni keenya yeroo bishaan qorraan dhiqannu keemikaala “Endorphin” jedhamu jedhamu oomishuun mood keenya sirreessa.

Bishaan qorraa sana gaafa qaama keenya bu’u qaamni keenya response akka kennu endorphin akka oomishu taasisa. Endorphin ammo faayidaan isaa mood keenya sirreessa gammadnee dhiphina irraa bilisa taanee akka jiraannu taasisa ykn mood keenya sirreessee active taanee akka jiraannu nu taasisa jechuudhaa.

Dabalataan ammoo qaamni keenya hormoonii insuliiniif akka deebii kennu fooyyessuun namoota dhibee sukkaaraa qabaniif gaariidha. Keessumaa dhibee sukkaaraa gosa lammaffaa biratti qaamni isaanii insuliiniif deebii nii kennu bishaan qorraan qaama dhiqachuun ammoo akka insuliiniif deebii kennu taasisuudha ykn sukkaarri isaanii akka baay’ee hin daballe taasisuudha.

Dabalataanis yaallii cryotheraphy jedhamu illee bishaan baay’ee qorre fayyadamuudhaan dhibeewwan fayyaa gogaa fi kaanserii tokko tokko yaaluudhaaf nii fayyada gama yaala ammayyaatiin.  Kanaaf akka walii galaatti bishaan qorraatiin qaama dhiqachuun bu’aa gurguddaa fi faayidaa guddaa qaba.

Haata’u malee sa’a dheeraatiif bishaan qorraatiin dhiqachun keessumaa guyyaa guyyaatiin sa’a dheeraadhaaf bishaan qorraatiin qaama dhiqachuun dhiibbaa mataa isaa nii qabaata. Namni tokko turtiin inni bishan qorraa keessa yeroo turuuf qabu daqiiqa 5-10 caaluu hin qabu. Sa’atii dheeraaf bishaan qorraa keessa turuun dhiibbaan inni qabu kanneen armaan gadiiti

  • Sirna harngansuu hir’isuu
  • Dhiibbaa dhiigaa gadi buusuu
  • Dha’annaa onnee jeequu fi 
  • Dandeettii yaaduu hir’isuudha

Bishaan Ho’aan Qaama Dhiqachuu

Bishaan ho’aadhaan qaama dhiqachuun egaa faayidaa haga ta’e nii qabaata haata’u malee akka bishaan qorraan qaama dhiqachuu miti. Bishaan ho’aan qaama dhiqachuun eenyufaa fayyada yoo jenne namootni dhibee onnee qaban yeroo bishaan ho’aan qaama isaanii dhiqatan ujummoon dhiigaa waan bal’atuuf gaarii ta’a.

 Namootni dhibee onnee qaban bishaan hoo’aadhaan yeroo qaama dhiqatan bishaan hoo’aan maal godhaa ujummoon dhiigaa ykn akka babal’atu taasisa. Namoota dhibee onnee qaban akka yaala gargaarsaatti isaan fayyada jechuudhaa. Kanaaf namootni dhibbee onnee qaban utuu bishaan hoo’aadhaan qaama dhiqatanii gaariidha. Kana malees dabalataan namoota dhibee dhiibbaa dhiigaa qabaniifis gaariidha.

Dhiibbaa dhiigaa kan qaban gaafa bishaan hoo’aadhaan qaama isaanii dhiqatan hidda dhiigaa isaanii waan bal’isuuf bishaan hoo’aadhaan qaama dhiqachuun baay’ee barbaachisaadha. Akkasuma bishaan hoo’aadhaan qaama dhiqachuun hirribaaf gaariidha.

Waluma agalatti bishaan hoo’aadhaan qaama dhiqachuun miidhaa qabaachuu baatuyyuu akka kan bishaan qorraan dhiqachuu faayidaa hedduu hin qabu. Namootni tokko tokko hirriba rafuu rakkatu kanaaf itti fufiinsaan hirriba ga’aa argachuuf garuu bishaan hoo’aadhaan qaama ofii dhiqachuudha. Bishaan hoo’aadhaan qaama dhiqachuun dhiigni akka sirriitti gara maashaa fi buusaalee deemu taasisuudhaan fayyaa maashaalee fi buusaa nii taasisa. Akkasumas guddina, ga’umsaa fi fayyummaa narvii cimsuu fi dandeettii yaadachuu fi barachuu nii dabala.  

Hirriba boqonnaa qabbu rafuu yoo barbaanne akkasuma hirribni dafee akka nu fudhatu yoo barbaanne osoo gara siree hin deemin dursa sa’a 2f dursee bishaan hoo’adhaan qaama keenya dhiqachuudha.  Namni tokko sa’a 4tti rafa yoo ta’e naannoo sa’a 2 yoo bishaan hoo’aadhaan qaama isaa dhiqate  hirribni dafee isa fudhata akkasumas ammoo hirriba gaarii tae hirriba boqonnaa qabu rafa jechuudhaa.  

Haata’u malee akkuma bishaan qorraa sana bishaan hoo’aadhaanis sa’a dheeraadhaaf qaama ofii dhiqachuun gaarii miti.Sa’a dheeraadhaaf qaama keenya yoo bishaan hoo’aadhaan qaama keenya dhiqanne rakkoon inni fiduu danda’u gogaa diimessuu, luqqisuu, hooqsisuu fiduu mala.  

Namootni qaamni isaanii shiffitaa fi alaarjii gogaa qaban bishaan hoo’aan dhiqachuu hin qaban. Namootni qaama isaanii irraa madaa qaban yeroo hedduu bishaan qorraan yoo dhiqatan gaariidha. Sababni isaa bishaan qorraan dhiqachuun akka madaan sun dafee fayyu taasisa. Lammmaffa bishaan hoo’aan dhiqachuu namni gogaa isaa irraan madaa qabu.

Kanaaf akka walii galaatti bishaan qorraas ta’e hoo’aa daqiiqaa 5-10 caalaa keessa turree dhiqachuu hin qabnu. Turtiin nuti bishaan keessa turuu qabnu baayee murteessaadha. Walumaa gala garuu gaafa wal madaalchisnu bishaan qorraan qaama dhiqachuun bishaan hoo’aan qaama dhiqachuu caalaa faayidaa guddaa qaba.

Faayidaa Bishaan Dhuguu Qaama Keenyaaf Nu Barbaachisu

Bishaan dhuguun qaama keenyaaf faayidaa hangana jennee hin madaalamne qaba. Isaan keessaa muraasa yoo ilaallee fayyummaa sammuun keenyaatiif baayee barbaachisaadha sammuun keenya akka yaadatuu fi hojjetuuf nu gargaara akkasuma fayyummaa rifeensa keenyaatiifillee baay’ee murteessaadha. Inni biraan dha’annaa onnee keenyaa sirreessuu fi fayyummaa onnee keenyaafis kan baay’ee murteessaadha.

Akkasuma foolii afaanii badaa kan qabaannu yoo ta’e fooliin afaanii kun kan badu taasisa. Utuu ganamaa galgala rigannuu yoo foolii badan afaan keenya keessa jiru baduu dide bishaan dhuguu baayisnaan ancufni akka afaan keenya keessa baay’atu taasisa kana jechuun foolii hin taanee waan badaa kana dhiqee gara fincaaniin gadi baasa, inni kan biraanii fi guddaan kalee keenya nuuf dhiqa, nuuf miicca. Kaleen keenya fayya ta’e jechuun qaamni keenya sirriidha jechuudhaa. Akkasuma gogiinsa garaa nurraa ittisuuf nu gargaara.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

error: Content is protected !!