Thursday, June 20, 2024
Health News

Dhibee Toonsilii 

Barreeffama kana keessatti dhibee toonsilii irraa akkamitti fayyuun akka danda’amu akkasuma manatti akkamitti dhiebe toonsilii irraa of yaaluu akka dandeenyu kana malees dhibee kanaaf waantota nu saaxilan ilaaluu dandeenya. Akkasuma dhibeen toonsilii rakkoo hamaa akkamiif nu saaxiluu danda’a kana malees yeroo akkamii mana yaalaa deemuu qabna kan jedhus as keessatti argachuu dandeessu. Of eeggannoo akkam akkamii gochuu qabna?  

Yeroo hedduu hawaasa keenya keessatti barame huuba qoonqoo muruutu jira dhibee toonsiliin wal qabatee. Kun kallattii ogummaa fayyaatiin yoo ilaalle sirrii akka hin taanee fi miidhaa inni nama irraan geessisu walumaan kan ilaallu ta’a, 

Egaa akkuma beekamu Toonsiliin kutaa qaama keenyaa qoonqoo gara bitaa fi mirgaatti kan argamtuudha.  Morma keenya irratti gara bitaa fi mirgatti kan argamu yammuu ta’u namootni baay’een yeroo hedduu huuba qoonqoo akka toonsilitti fudhatu.Yeroo hedduu sababa adda addaatiin kan ka’e infekshiniin mudachuu danda’a infekshiniin toonsilii kunimmoo mallattoowwan adda addaa nurratti agarsiisuu danda’a. Infekshiniin yeroo hedduu sababa baakteeriyaatiin namarra gahuus danda’a.Baayinaan infekshiniin toonsili daa’imman irratti haa baay’atu malee ga’eessonni hedduunis dhibee kanaan baayinaan nii saaxilamu.  Infekshinii toonsilii baayinaan kan fidu vaayirasiidha. Baakteeriyaanis namoota dhibbantaa 20% ol namoota saaxiluu danda’a.  

Namni dhibee toonsilii qabu tokko mallattoo akkam akkamii agarsiisa kan jennuuf dhukkubbii qoonqoo keessaa yeroo nyaata liqimsinu mataa dhukkubbii ta’uu danda’a, gurra dhukkubbii,hoo’ina qaamaa olaanaa,diimachuu ykn dhiita’uu toonsilii gara bitaa fi mirgaa fedhiin nyaataa hir’achuu, sagaleen dubbachuu dadhabuu,sagaleen namaa jijjiiramuu,akkasuma hafuurafaa nama kukkutuu danda’a,foolii afaanii badaas yeroo tokkot okko nii fida. Mallattoowwan kunneen mallattoowwan dhibee toonsiliidha gama biraatiin xannachi naannoo toonsilii dhidhiita’uu danda’u. 

Egaa namootni toonsilii ofirraa ittisuuf akkasuma namootni toonsilii hin qabne akka isaan hin qabne akkamitti akka danda’amu ilaaluu dandeenya. Akkuma beekamu Toonsiliin nii daddarba, yeroo mana fincaanii deemnu nyaata osoo hin nyaatinis nyaata nyaannees yeroo kamittuu harka keenya qulqulleessuu qabna. Akkauma yeroo tokko tokko birushii ilkaanii wal harkaa fuudhanii fayyadamuu dhiisuu,fi kkf haala kana kanaan toonsilii ittisuu nii dandeenya jechuudha.  

Kan biraanii nama kan biraatti dabarsuu dhiisuun waantotni danda’aman muraasni yeroo dhibee kanaan qabamnu mana keenya keessa turuun gaariidha, yeroo haxxiffannuu fi yeroo qufaanu afaan keenya huccuudhaan haguuggachuun baay’ee barbaachisaadha. Inni kan biraan erga qufaane booda harka keenya saamunaa fi bishaaniin qulqulleessuu fakkeenyaaf erga haxxifatanii booda namootni hedduun harka isaaniitiin afaan isaanii, funyaan isaanii qaqqabatu, namni sun vaayirasii harka isaatiin erga xuqee booda daddabarsuu danda’a jechuudha. Kanaaf baay’ee of eeggachuun barbaachisaadha.  

Dhibee Kanaan Yoo Qabamne Maal Gochuu Qabna? 

Dhibee Toonsilii

Mallattoowwan toonsiliidhaan dhufan kan olitti barreeffame kana yoo ofirratti argine dursinee qoricha kanaaf barbaachisu fudhachuudha. Akkuma beekamu infekshiniin jiraannaan naannoon qoonqoo sun waan rifatuuf dhiita’uu danda’a, dhukkubbii adda addaa namatti dhageesisuu danda’a kana malees dhangala’aan garagaraas bahuu danda’a.  

Kanaaf jalqaba irratti kan ilaaluu qabnu bishaan soogiddaan hoo’isamee ittiin lulluuqqachuudha. Naannoo qoonqoo keenyaa ittiin miiccuudha yeroo kana nii qulqulleessa jechuudha. Baakteeriyaa naannoo sana jiran caccabsuudhaan baasuu waan danda’uuf bishaan soogiddaan hoo’ifame kanaan qulqulleessuu dandeenya jechuudha.  

Gama biraatiin bishaan soogiddan hoo’ifame xiqqoo laph jedhe kuni dhiita naannoo qoonqoo sababa toonsiliidhaan dhufe xiqqoo nii hir’isa akkasumas ammoo PH qoonqoo keenya keessa jiru giddu galeessa gochuudhaan dhiigni akkasumas ammoo dhiigninaannoo toonsilii dhufu akka dabalu gochuu danda’a jechuudha.  

Kana gochuudhaaf maal gochuu qabnaa soogidda fal’aana tokko bishaan burcuqqoo tokkotti goonee second 10-15 erga lulluuqqannee hamma qoonqoo keenyaatti tufuudha. Guyyaatti yeroo sadii fi afurii ol akkas gochuudhaan dhukkubbii naannoo sanaa fi dhiita naannoo sanaa hambisuu nii danda’ama jechuudha.  

Itti fufee kan waliin ilaallu bishaan hoo’aa burcuqqoo tokko damma fal’aana tokko akkasumas ammoo zinjibila arganna yoo ta’e zinjibila kana erga hurreessinee caccabsinee hurreessinee booda maankaa walakkaa fi yoo argame cuunfaa loomii waantota kanneen walitti dabaluudhaan dhuguunillee hedduu barbaachisaadha. Akkuma beekamu dammis loominis dhukkubbii dhaa fi baakteriyaa naannoo sana jiran loluu danda’u kana malees dhiita naannoo sana jiru hir’isuu danda’a jechuudha. 

 Kanaaf waanti nuti gochuu qabnu daqiiqaa sadiif kan ta’u erga lulluuqqannee booda tufuudha. Akkasuma dammaan loomii kanaan yeroo hundumaa lulluuqqachuu yoo dhugnes rakkoo addaa waan nurratti fidu hin qabu kan biraan kuusaa qorichoota irraa waan akka karameellaa kan ta’e tokko qorichi toonsil waan jiruuf isa bitnee fayyadamuu dandeenya. Qorichi kunis nii xuuxama yeroo xuuxamu kanatti dhibee naannoo qoonqoo keenya jiru sana nii hir’isa jechuudha.  

Toonsiliin Yoo Hin Yaalamin Dhiibbaa Akkamii Qaba? 

Dhibee Toonsilii

Namootni hedduun akkasumatti utuu dhukkubsatani yeroo itti ilaalan jiru isa dursa garuu yeroo akkamiidha kan ogeessa fayyaa bira deemuu qabnu kan irratti ilaalla. Jalqaba irratti dhukkubbiin qoonqoo guyyaa lamaa oliif yoo isin irra ture mana yaalaa deemuu qabdu. Dhukkubbii qoonqoo hamaa ta’e akka isin bishaan hin dhugne, nyaata akka hin liqimsine kan nama godhu yoo ta’e battala kanatti gara mana yaalaa deemuu qabna. Kan biraanimmoo hafuura namatti kukkutuu, liqimsuu dadhabuu, baay’ee of dadhabuu, hoo’a guddaa yoo qaama keenya irratti argine, yeroo akkasii gara mana yaalaa deemuu qabna jechuudha. 

 Toonsiliin dhiibbaa akkamii fayyaa keenya irraan ga’uu danda’a kan jedhu yoo hin yaalamnu ta’e toonsiliin ykn baakteriyaan kunneen gara dhiigaatti dabalamuudhaan onnee keenya irratti miidhaa jabaa geessisuu danda’u, dadhabbii onneedhaaf nu saaxiluu danda’a jechuudha. 

 Foolii afaanii badaa haga gadi bu’ee hamma somba keenyaatti nu saaxiluu danda’a jechuudha. Haala kanaan dhiibbaa guddaa nurraan ga’uu waan danda’aniif haga danda’ametti gara mana yaalaa deemuun gaariidha.  

Gama biraatiin hawaasa keenya keessatti waanti barame tokko jira hawaasa keenya keessatti namni tokko dhibee toonsiliitiin yoo qabame huuba qoonqoo isaa karaa ogummaa fayyaatiin ala deemuudhaan yeroo isaan muran argina, hospitaala keessatti rakkoowwan akkasii hedduun ogeessota fayyaa hedduu quunnamaa oolu. Sababa kanatti lubbuun namoota hedduu sababa kanaatti yeroo darbe argineerra.  

Akkuma beekamuu toonsiliin kan inni argamu gara bitaa fi mirgaatti argama namootni huuba qoonqoo kan gara olii jirtu sana kutu. Caasaa qoonqoo gara sana jiran miidhamuu dandeessi, huubi qoonqoollee gadi bu’uu dandeessi,yammuu inni dhiita’aa deemu gadi gototaa waan deemuuf huubi qoonqoo gadi bu’uu danda’a jechuudha. Kanaaf toonsilii ykn huuba qoonqoo muruun faayidallee tokkollee hin qabu miidhaa yoo qabaate malee.  

Garuu kana gochuun dhukkubbii huuba qoonqoo hambisuu danda’a tarii meeshaan ittiin muran sun qulqullina hin qabu ta’a teetaanisiidhaaf nama saaxiluu danda’a naannoo sana hiddi dhiigaa hedduun waan jiraniifi hiddi dhiigaa sun yeroo citutti dhiigni dhaabachuu dhiisuu danda’a kan biraanimmoo baakteriyaawwan naannoo toonsilii jiran sana salphaadhumatti gara dhiigaatti ykn onneetti dabalaman kalee keenya irratti akka isaan miidhaa geesisan godha jechuudha.  

Sababa kanaatiif adaraa keessan huuba qoonqoo naannoo keessanitti mursiisuu dhaabaa. Namoota kana godhan yoo argitan saaxiluu qabdu. Gochoota kana irraa of qusachuudha qabna.  

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

error: Content is protected !!