Dhukkuba Cophxoo

Mallattoolee Dhukkuba Cophxoo Fi Furmaata Isaa 

Dhukkubni cophxoo maalii jennee maaummaa isaa irraa gaafa kaanu akkaataa armaan gadiittiin ibsuu dandeenya. Dhukkubni kun karaa wal quunnamtii saalaatiin daddarban keessaa isa tokkoodha. Dhukkubni kunis kan ittiin dhufu baakteriyaa maqaan isaa Nesisseria Gonnoriyee jedhamuun kan dhufuudha. 

 Baroota 1970moota keessa dhukkubni kun salphaatti nama irraa namatti kan daddarbu ture sababiin isaa yeroo sanatti wal’aansi isaa waan hin jirreef salphaadhumatti kan daddarbu ture jechuudha. Dhukkubni kun baroota kanaa asitti garuu baay’ee gadi bu’ee ture qorichi isaa waan argameef salphaadhumatti yaala argachuudhaan carraan daddarbuu isaa baay’ee hir’taa ture. Baayinaan gadi haabu’uyyuu malee dhukkubni kun baayinaan inuma jira ammallee. Akka bara sanaa ta’uu baatu ammallee inuma jira jechuudha.  

Faffaca’iinsa dhukkuba kanaa gaafa ilaallu dhaabbataadha. Dhukkubni kun saala lamaanuu (dhiiras durbas) nii miidha. Haata’u malee kan innni irra caalaatti miidhu dhiira irrattiidha. Biyyoota guddataa jiran keessattillee dhukkubni kun baayinaan nii argama.  

Egaa haata’u iyyuu malee dhukkuba kanaaf maaltu nama saaxila kan jennu yoo ilaallu saaxiltootni inni ijoo dhukkuba kanaa hiriyaa haaraa baafachuudha. Kana jechuun hiriyaa haaraas haata’u haadhamanaa haaraa wajjiin wal quunnamtii saalaa haaraa gegegessinu yoo jiraateedha. Inni biraani namni tokkichi namoota garaagaraa wajjiin quunnamtii saalaa raawwachuudha. Akkasuma barnoota ga’aa dhabuunillee dhukkuba kanaaf nama saaxila. 

 Kana jechuun namni hedduun hubannoo dhukkuba kanaa hin qabu akkaataa itti daddarbu fi nama qabu waan hin baranneef salphaatti heddumminaan nii tamsa’a. Kana malees namootni dhukkuba HIV qaban baay’ee saaxilamu jechuudha. Dhukkubni kun lammeen wal deggeru waan ta’eef namni dhukkuba lamaan kana qabu isa tokkoof dafee kan saaxilamu ta’a. Namni dhukkuba HIV qabu tokko dhukkubni cophxoo kun itti jabaata jechuudha. Namni dhukkuba cophxoo qabu tokko carraa inni dhukkuba HIV nama biraatti dabarsuullee baay’ee guddaadha.  

Mallattooleen Dhukkuba Kanaa Maaliidhaa? 

Akkuma olitti dubbanne dhukkubni kun dhiiras dubaras kan miidhuudha. Haata’uyyuu malee mallattoon isaa garaagari. Dhiirota irratti naannoo dhibbantaa kudhanii irratti mallattoo in qabaatu. Dubartoota irratti ammoo naannoo dhibbantaa 50% irratti mallattoo in qabaatu jechuudha. Infkeshinin kun qaama isaanii ykn dhiiga isaanii keessa jiraatee garuu mallattoo hin qaban jechuudha. Dhiirri mallattoo dhibbantaa kun jechuun dhibbantaa 90% ol mallattoon isaa dhiira irratti nii mul’ata jechuudha.  

Dubartootni garuu naannoo dhibbantaa shantamaa mallattoo nii agarsiisu naannoo dhibbantaa shantamaa ammoo mallattoo hin agarsiisan jechudha.  

Kanaaf warri mallattoo agarsiisan mallattoo akkamii agarsiisu kan jedhu waliin ilaalla. Dubartoota irratti dhangala’aa karaa qaama saalaatiin kan ba’uudha. Dhangala’aan kunneen waan akka furrii kan foolii badaa qabuu, halluu akka adii kan of keessaa qabuudha. Egaa dhangala’aan akkasii karaa qaama saalaa dubartiitiin ba’a. Mallattoon isaa inni biraan hooksisuudha.  

Qaamaa saalaa durbartootaa sana nii hooksisa jechuudha. Mallattoon inni biraani garaa dhukkubbii gar maleeti. Dhukkubbiin kunis garaa gadiitiin jiruudha kan inni dhageesisu. Dhukkubni kun qaama hedduu miidhuu danda’a qaama sirna wal hormaata dubaraa qaama alaa irraa kaasee hanga gadameessa keessootti affect gochuu danda’a. Haata’uyyuu malee bakki inni affect gochuu danda’a. Mallattooleen dhiira irratti mul’atan dhangala’aan akka adii karaa qaama saalaa dhiiraatiin bahuu jechuudha. 

 Inni biraan yeroo fincaan fincaa’u isa dhukkuba dhangala’aan in ba’a akkasumas ammoo cidhaanitti gaafa darbu cidhaan dhukkubuu fi akkasumas dhiita’uullee danda’a jechuudha. Dhukkubni kuni faffaca’uu danda’a qoonqoo keessattillee mallattoo agarsiisuu danda’a keessattuu darbee darbee wal quunnamtii saalaa karaa afaanii taasisan keessatti yeroo sana qoonqoon nama sanaa dhukkubuufaallee danda’a. Isaan kun egaa mallattoolee ijoo kan ta’an isaan kanaadha.  

Rakkoolee Dhukkuba Cophxoo 

Dubartootaaf balbala gadameessaa kan affect godhuudha. Kun yoo hin yaalamin hafameedha. Kunimmoo dhukkubbii garaa gara gadii itti fiduu danda’a jechuudha. Rakkoon inni biraan dhukkubni kun nama saaxilu keessaa inni tokko maseenummaadha. Kun kara kamaanuu dhiira irrattis dubara irrattis maseenummaa fiduu danda’a. Inni biraan ammoo dhukkubbii gara hoffaa ykn garaa gadi gadii irratti dhukkubbii yeroo dheeraatiif isaan saaxila jechuudha.  

Dhiira irratti ammoo rakkoon inni fidu ujummoon fincaanii dhiirotaa kanaan dura dhukkuba kanaan qabamee fayye tokko deebi’ee gaafa dhukkubsatu nii mda’a ykn godaannisa godhata jechuudha. Bakka ujummoo karaan fincaan bahu sun nii dhiphata yeroo kana namni sun yeroo fincaan fincaa’u nii dhukkuba jechuudha. Akkasuma fincaanillee dhowwee garasitti deebisuu danda’a jechuudha. Egaa kunneen dhukkuba cophxoo osoo hin wal’aanamin hafan kan nama mudachuu danda’uudha jechuudha.  

Ittisa Dhukkuba Cophxoo 

Akkaataa itti dhukkubni kun nama qabu yoo beeknee dhukkuba kana ittisuuf nama hin rakkisu. Sababiin isaa karaan dhukkubni kun ittiin darbu beekamaa waan ta’eef jechuun karaa wal quunnamtii saalaatiin waan ta’eef salphaatti ittisuufis kana beekuudha. Egaa kunimmoo akkuma olitti ibsame wal quunnamtii saalaa nama hin baakamne nama hin beekne waliin taasisuu dhiisuudha. Hiriyaa quunnamtii saalaaf itti fayyadamnu baay’isuu dhiisuudha. Ta’us hiriyootumti utuu waliin jiranii yoo mallattoo dhukkubaa kun irraa mul’ate dafanii gara mana yaalaa deemuudha. Kana jechuun mallattoon kun irratti mul’annaan utuu wal quunnamti saalaa hin raawwatin isaan lamaanuu gara mana yaalaa deemuun barbaachisaadha. Inni mallattoo qabus inni mallattoo hin qabnes wal’aansa godhachuu qabu. Wal’aansa sana booda haga mallattoon sun badutti wal quunnamtii saalaa raawwachuu hin qaban jechuudha. Yoo sun hin taane dhukkubni kun itti deebi’a jechuudha.  

Osoo gara gaa’elaa hin deemin ykn wal hin fuudhin dursa akkuma dhukkuba HIV dhaaf qoratamuun jiru dhukkuba kanaafis mana yaalaa deemamee qoratamuun gaa’ela dura bayee barbaachisaadha. 

Infeekshinii Ujummoo Fincaanii 

Infekshinii ujummoo fincaanii kun yeroo hedduu dhukkuba baay’ee dhaabbataa ta’eedha. Hawaasa keessatti dhukkubbiin kun mallattoolee dhukkuba nama hedduuti. Infekshiniin ujummo fincaanii kun bakka lamatti hiramu. Innis mallatto dhabeessaa fi mallatto qabeessaadha. Mallatto dhabeessa jechuun dhukkubni kun mallattoo yoo dhabe qorannoo irratti waan dhukkuba kana agarsiisu qabaatee inni kun mallatto qabeessa jechuudha. Qorannoo irratti ykn fincaan irratti yoo mallattoon dhukkuba kana ibsu yoo dhabame inni kuni mallatto dhabeessa ta’a jechuudha.  

Qoqqodamiinsi inni biraan daandii fincaanii gara gadiitii fi gara oliiti. Inni gara olii yoo kalee dabalateedha. Kan gara gadiimmoo waan afuuffee fincaanii involve yoo godhe inni kun daandii fincaanii gara gadiiti jechudha. Walumaa galatti daandiin fincaanii inni gara olii kuni infekshinii kaleeti. Inni kun gara gadiitirra xiqqoo kan jabaatuudha.  

Maaltu Nu Saaxila? 

Uumamaani yeroo hedduu dubaroonni waan kanaaf saaxilamoodha keessattuu waggaa tokkoo hanga shantamaa gidduu shamarroonni jiran waan kanaaf baay’ee saaxilamoodha. Sababni isaa dubartootnni ujummoon fincaanii isaanii gabaabaa fi bal’aa waan ta’eef kunimmoo carraa infekshiniidhaaf saaxilamoo ta’uu isaanii nii dabala. Haata’u malee waggaa 60 booda dhiirota irrattillee nii uumama.  

Waggaa 60 booda daandiin fincaanii isaanii wan cufu waan guddatuuf sanaaf baay’ee saaxilamoo ta’u jechuudha. Saaxiltuu biraan akkuma beekamu dhukkuba shukkaaraati. Namni infekshinii kamiifuu akka saaxilamu taasisa. Namni fincan fincaa’uu dadhabe tokkoof ujummoon kan taasifamu ogeessa mana yaalaatiin kunis infekshiniidhaaf isaan saaxiluu mala jechuudha.  

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

error: Content is protected !!