Friday, June 21, 2024
Health Products

Dhukkuba Dugdaa

Dhukkuba Dugdaa fi Furmaata Isaa

Dhukkubbii dugdaa akkamitti mana keessatti of yaaluu dandeenyaa? Dhukkubbii dugdaaf furmaanni isaa jiraa? As keessatti kan ilaallu dhukkubbii dugdaa fi waantota dhukkubbii dugdaa nutti fidan akkasuma dhukkubbii dugdaa kan nu mudatu akkamitti mana keenya keessatti of yaaluu dandeenya kan jedhu kan ilaallu ta’a jechuudha. Akkuma beekamu namni kamiyyuu yeroo tokkoof dhukkubbii dugdaaf saaxilamee jira. Egaa dugdi keenya qaama keenya keessaa gara duubaatti kan argamuudha, haata’u malee dugdi keenya kan inni irraa ijaarame waantota hedduu irraati. Isaan kunis lafee dugugguruu dugdaa qaba.

Dhukkubbii Dugdaa Maaltu Nutti Fida?

Yeroo hedduu dhukkubbiin dugdaa sababii dhibee qabaateef miti kan inni dhukkubsatu. Kanneen maashaa waliin wal qabatan kanneen lafee keenya waliin wal qabatan kanneen narvii fi ujummoowwan dhiigaa keenya waliin wal qabatan dhukkubbii dugdaa akka nutti fidan nii beekna. Akkasumasimmoo dhukkubbiin kalee illee dhukkubbii dugdaa akka nutti fidu baayeen keenya nii beekna. Garuu irra caalaan isaa dhukkubbii dugdaa kan nutti fidu waantota kana miti.

Dhukkubbii Dugdaa Kan Nutti Fidu:

Taatewwan nuti guyyaa guyyaadhaan raawwannu, isaan kunis

Yeroo dheeraadhaaf taa’aa turuu: Fakkeenyaaf namootni hojiidhaan yeroo dheeraa taa’aa turan nii jiru keessumaa hojjetoota baankii, hojjetoota waajjiralee adda addaa fi kkf dha.

Yeroo dheeraadhaaf dhaabbataa turuu: Isaan kunimmoo namoota yeroo hedduu suuqii keessaa meeshalee gurguraa oolan akkasuma barsiisotas ta’uu danda’a yeroo kana dhukkubbi dugdaaf nii saaxilamu jechuudhaa.

Namni kamiyyuu yeroo dheeraaf yeroo taa’aa turuu fi yeroo dhaabbataa turu dugdi keenya nii dhukkuba. Kunimmoo waan baratamaadha. Namni yeroo dheeraaf taa’aa turu ulfaatinni isaa mudhii olii gara taa’aa isaa ykn mudhiitti waan kuufamuuf ykn ulfaatuuf namni tokko dhukkubbii dugdaaf saaxilama jechuudha. Akkasuma sababa namni tokko dhaabbataa turus sababa kanaaf saaxilamuu dandeenya jechuudhaa. Kanaaf yeroo dheeraa taa’aa turuu fi dhaabbataa turuu keenya irra gidduu gidduutti kaanee socho’uun baayee gaariidha.

Kanaaf namootni yeroo keessan taa’umsatti akkasuma dhaabbitti dabarsitan akka of eeggattan barreeffama kana keessatti isin gorsuu barbaanna jechuudha.

Meeshaalee Ulfaataa Ta’an Baachuu: Meeshaalee ulfaataa ta’an olkaasnee yammu baannutti maashawwan keenya kuni waan dhifamaniif yeroo sanatti lafeewwan dugugguruu dugda keenya keessa jiran waliin waan walitti bu’aniif ykn wal riganiif dhifamuun maashaa keenya kunimmoo dugdi keenya akka nu dhukkubu nu taasisa jechuudha. Kan biraanimmoo yeroo hedduu namootni ba’aa baatan jiru, ba’aa kallattii tokko qofaan, namootni tokko tokko harki keenya mirgaa hojii waan hojjetuuf qofaaf harka mirgaa kanaan baatanii deemu yoo harka tokko qofa irratti banana ta’e harka gamaa gamana wal jijjiirree meeshawwan kana baachuu akka qabnu as keessatti qajeelfama nii argattu jechuudha. Kanaaf haala kanaan yagguu kana maashaan keenya dhukkubbii dugdaaf nu saaxila jechuudha.

Inni biraanii morma keenya gara fuulduraatti dheeressuudhaan akkaataa taa’umsa keenya gabaabadhumatti yeroo hedduu barattoota qoo’atan ta’uu danda’a namoota taa’anii biiroo keessaa hojii adda addaa hojjetan yookaanis namoota taa’anii hojii addaa hojjetan ta’uu danda’a. Namootni computer fayyadaman morma keenya dheeressinee ykn ammoo yeroo konkolaataa oofamutti kunimmoo lafeen dugugguuruu dugda keenya sirriitti toora galanii waan hin jirreef yeroo kanatti dhukkubbii dugdaaf saaxilamna jechuudhaa. Barattootni yeroo baay’ee gadi gombifamanii dubbisan street taa’uu qabna jechuudha. Egaa haala kana ykn bartee kana irraa of eeggachuu akka qabnu kan wal gorsinu ta’a.

Inni biraan siree irra rafnu ykn firaashii ciisichaaf hin malle irra rafuudha kunis firaashiin sun kan wal hin qixxaanne yoo ta’e kan dugda keenyaf hin taane irra yammuu rafnutti street rafnuu akka qabnuudha, haala kamiin rafuu akka qabnu yoo hin taane dhukkuba kanaaf nu saaxila jechuudha.

Inni kan biraan dhukkuba dugdaaf  nu saaxilu boraatiidha. Boraatiin nuti fayyadamu qabnu kan olka’aa ta’e fayyadamu akka hin qabne tiraasiin kun morma keenya jala taa’uu qaba, yeroo hedduu namootni mataa isaaniirra kaa’atanii rafu, kunimmoo dhukkuba kanaaf nu saaxila jechuudha

Kan biraan dhukkuba dugdaaf nu saaxilan keessaa micciiramuu ykn dhifamuu maashaa dugdaati.  Maashaan keenya kottoonfachuu ykn ammoo dhifamuu ykn micciiramuu maashaa digda keenyaa, maashaa hedduutu dugda keenya keessa jira namni akka socho’u kan godhu, namni kottoonfachiisuudhaan lafeewwanitt maxxanee waan jiruufi akkasuma naannoo buusaa lafee keenya waan jiruuf namni tokko akka deemu ykn akka socho’uuf nu gargaara. Irra deddeebiidhaan yeroo hedduu yeroo dhifamu miidhaaf nu saaxila jechuudhaa.

Inni kan biraan dhukkubbii dugdaa nutti fidan keessaa midhamuu diskii lafee dugugguruu dugdaa keenyaati. Inni biraa dhukkubbii dugdaaf nu saaxilu caba lafee dugugguruu dugdaati. Akkasuma sigigaachuu diskiiwwan dugugguraa dugdaatiin kan ka’eedha.

Lafeen dugugguruu dugdaa sababa adda addaatiin cabuu danda’a. Umuriin namaa yeroo baay’ee dabalaa deemu ykn ammoo dha’icha irraan kan ka’e kufaatiis ta’uu danda’a namaan dha’amuus danda’a uleedhaan ykn dhagaadhaan tumamuu danda’a yeroo kanatti lafeewwan dugugguruu dugdaa kun waan cabuuf dhukkubbiidhaaf nama saaxila.

Inni kan biraani buusawwan lafee dugugguruu dugdaati, lafee tokkoo fi lafee kan biro gidduu joint nii jira. Yookaanis bakka isaan itti wal quunnaman nii jira. Bakka isaan itti wal quunnaman kanatti yammuu isaan miidhaman namni tokko dhukkubbii dugdaaf saaxilama jechuudha. Inni kan biraan dhibeewwan kalee kanneen akka cirrecha kaleeti, cirrechi kalee naanno mudhii keenyatti kan nu dhukkubu, namootni yeroo hedduu dugdatu na dhukkuba jedhee dhufa namootni dugdi yeroo dhukkubu akka waan kaleen isaan dhukkubuutti kan fudhatan jiru baayeen isaanii. Kun dogoggora akka ta’eedha darbee darbee cirrechi kalee dhukkubbii dugdaaf nu saaxila kanammoo akkamitti adda baasna kan jedhu namni dhukkuba kalee qabu tokko dhukkubbii dugdaan cinatti fincaan yammuu finca’u nama gubuu, fincaan ammaa ammaa dafee nama finceesisuu, nama balaqqamsiisuu fikkf yeroo mul’atu battala kanatti qorannoo gochuun barbaachisaadha.

Inni kan biraa kaanserii lafee dugugguruu dugdaati. Kaanseriin kutaa qaama keenya baay’ee nu miidha, akkasuma kaanserin lafee dugugguruu dugdaa keenya nii miidha. Inni kan biraani yeroo ulfaa dhukkubbiin dugdaa dubartoota hedduu nii mudata. Yeroo ulfaatti gadameessi dhifamaa waan deemuuf shape isaa xiqqoo disorder ta’a shape isaa, sababa kana irraan ka’e dhukuubbiin dugdaa dhaabbataadha dubartoota ulfaatiif.

Mallattooleen dhukkuba kana cinatti yoo nu mudatan mana yaalaa deemuu qabnu keessaa muraasni

  • Ulfaatinni qaama keenya  hir’achu
  • Ho’a qaamaa olaanaa-ho’inni qaamaa gaafa dabalu cirrecha kaleerraa kan ka’een
  • Naannoon dugda keenya dhiita’uu ykn diimachuu
  • Gubuu qaama saalaa yeroo fincaanii
  • Fincaan qabachuu ykn too’achuu dadhabuu
  • Hadooduu naannoo qaama saalaa ykn hudduu
  • Dhukkubbii dugdaa addaan hin citne kan yeroo teenyu ykn ciisnullee nun dhiisne

Mallattoolee kana hundumaa yoo of irratti argine gara mana yaalaa deemuudhaan ilaalchisuun dirqama. Isaan alattis mana keessatti of yaaluun nii danda’ama. Fakkeenyaaf carqii bishaan hoo’isuudhaan dhukkubbii dugdaa sababa kottonfachu maashawwaniin dhufaniif furmaata kenna kanas daqiiqa 30 oliif irra tursuudha, erga garaan ciifnee booda naannoo nu dhukkubu kana irra tursuudha.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

error: Content is protected !!