Wednesday, June 19, 2024
Tech Blogs

Dhukkuba Sukkaaraa

Dhukkubo Sukkaaraa yoomillee qaama keenya keessa jira garuu dhukkuba yeroo akka ta’u beekuudha. Sukkaara jechuuni qaamni keenya nyaata in nyaanna nyaatni kuni ammoo wal make gara dhiigaatti deema, dhiigni keenyammoo gara seelii hundumaatti deema, seelii kaneen akka Ribuu, kan onnee, kan sammuun, kan kalee, qaamuma keenya keessa kallattii hundumaatti in deema.

Sukkaarri sun egaa qaamni keenya akka humna baasu waan ta’eef humna kan baasu sukkaara (glucose) isa jennu kanaadha. Qaamaa keessaa gara seelii sanatti kan geessu akka inni galu kan godhu furtuutu jiru. Furtuun sun ammoo insuliiniidha. Insuliiniin suni rajiijii keessatti oomishama jechuudha. Rajiijii keessaa betasells waanta jedhamu jiru isaantu oomisha jechuudhaa. Insuliiniin sun gaafa oomishamu gara dhiigaatti baha dhiiga keessatti egaan sukkaara kana fuudhee gara seelotaatti geessa jechuudhaa. Egaa sukkaarri seelii keessa akka seenu kan banee seensisu insuliiniidha jechuudha.

Qaama keenyaaf barbaachisaa yoo ta’eyyuu yoo furtuun sun hin jiru ta’e ykn insuliiniin sun xiqqoodha yoo ta’e sukkaarri sun dhiiga keessatti baay’achaa in adeema ykn in kuufama. Hamma barbaadamuun olitti dhiiga keessatti yeroo kuufamu dhibee sukkaaraati jenna. Dhibeen sukkaaraa tokko kan ittiin beekamu yookaan measure sirriin isaa 70-100 mg/dl dha.

Sanaa olitti garuu sadarkaa sukkaaraa hin geenyee garuu carraa gara sanatti ce’uu qaba jechuudha. 120 fi isaa ol gaafa ta’u dhibee sukkaaraati jedhama. Kun utuu hinyaatin isa nuti safarannu jechuudha ganama afaan duwwaatti isa safaramu jechuudha.

Dhibeen kun hagam babal’atee jira jennee yeroo gaafanne akkaataa kanaa gadiitiin haa ilaallu. Akka addunyaatti gabaasaa WHO irraa akka arganne nama miliyoona 422 oliidha kan dhibee sukkaaraa kanaan qabamee jiru. Akka biyya keenyatti garuu dhibbentaa 5% kan ta’u dhibee sukkaaraa kana qaba. Kana jechuuni nama 100 keessaa namni 5 dhibee kana nii qaba jedhama.

DHukkubni sukkaaraa gosa lamatu jira. Garuu inni sadaffaanis jira. Kunis

  • Type 1 Dibates
  • Type 2 Diabates

Gestational Diabates jedhamu. Inni kuni dubartoota ulfa yeroo isaan ulfa ta’an sana qofatu sukkaarri sun hamma barbaadamu ol ta’a. Isa booda garuu in bada sana booda carraan inni gara isa 2ffaa type2 tti jijjiiramuu jira jechuudha. Type 1 kan jennu rajiijiitu insuliinii oomishu dadhabe. Kana jechuun insuliiniin baay’ee xiqqoodha.Type 2 ammoo rajiijiin insuliinii oomishuu hir’ise ykn ammoo seeliin suni insuliinii sanaan sirriitti banamuu dide. Kana jechuun resist godha insuliiniin sanaan banamuu dida kanaaf sukkaarri seelii keessatti akka olka’u taasisa ykn hir’isuu danda’a jechuudha.

Type one irratti insuliinin hir’atee wan jiruuf sukkaarri dhiiga keenya keessatti baay’atu waantoa dhufantu jiru. Isaan kunis bishaan garmalee nama dheebossa, fincaan baayisa keessattuu halkan akka kaatee amma amma fincooftu si taasisa, namni sun baay’ee qal’ata kiiloon isaa gadi bu’a, nyaatas amma amma beela’uu baay’ees hin nyaatu, fincaannis takka nii baay’ata takka nii qal’ata nyaatifis ammoo amma amma fidi isa jechisiisa, appitayitiin isaa banaa ta’a jechuudhaa.

Type two garuu mallattoo kamiinuu agarsiisuu dhiisuu danda’a. Namoonni kanaan qabaman yeroo baay’ee kan mana yaalaa deeman balaa inni geessisu ykn xaxaa inni fiduun  dhufu garuu mallattoo qabaachuu dhiisu danda’u. Warri ulfaa yeroo hedduu hordoffiidhaan mana wal’aansaa waan deemaniif sukkaarri isaanii nii ilaalama. Isa irratti barama yeroo baay’ee malllattoo dhibee sukkaaraas agarsiisuus dhiisuus danda’u, garuu kan inni baramuu danda’u sukkaaranii safaruudhani.

Namootni dhibee sukkaaraan qabamuuf saaxila ba’an warra akkamiiti kan jedhuuf garuu type one kan jedhamu dargaggootaa fi ijoollee irratti kan inni mul’atu sababa qabaachuu dhiisu danda’a garuu akka sababaatti kan dhiyaatani yeroo infection jiru pankireetisii sana miidhee dhufu in danda’a akkasumas deebi’ee namni maatii keessaa dhibee sukkaaraa qabu yoo jiraate gara ijoollee isatti ykn gara fira dhiiga ta’aniitti darbuu ykn namni sun qabaachuu in danda’a.

Type two inni jennu yeroo baay’ee waanti inni ittiin dhufu waanta sanaaf saaxila nama baasantu jiru. Isaan keessaa tokko nyaata ykn gosa nyaataati nyaata fayya qabeessa hin taane warra sukkaarri itti baay’ate harka caalaammoo yeroo umuriin isaanii 40 ol ta’u nyaata sukkaarri itti baay’ate nyaachuun saniif nama saaxila. Akkasuma furdinni garmalee yoo jiraate inni kunis sanaaf nama saaxila.  Sochiin qaamaa hin jiru miillaan hin deemu yoo ta’e hojiin isaa taa’uu, manatti konkolaataadhaan galee manattis inuma taa’a yoo ta’e sochiin qaamaa hin jiru yoo ta’es sanaaf nama saaxila. Dhukkuba biraa fakkeenyaaf kan akka dhiibbaa dhiigaa qabaachuu sana waliin yeroo hedduu walitti hidhatanii jiru.

Dhibee kana akkamittiin yaaluu dandeenya? Akkasumas ofirraa ittisuudhaaf maal gochuuf qabna kan jedhu as keessatti ilaalla. Akkuma beekamu type one akka olitti jenne yeroo insuliniin xiqqaatuudha namni tokko ofirraa ittisuudha inni jalqaba type two namni kamiyyuu ofirraa ittisuu nii danda’a nyaata baay’ee minyaawu dhiisuudhaan, nyaata sukkaarri itti baay’ate irra baqachuudhaan qaamaan sosocho’uu furdina hir’isuu furdinuma sirrii qabaachuu dhukkuboota warra kaan irraa of eeggachuu ykn yeroodhaan yaala argachuun dhibee kana ittisuudhaaf nama gargaara.

Dhibbentaa 5%-10% type one dha type two garuu dhibbentaa 90% oliidha waan ta’eef dursinee type one irratti of ittisuu daneeenyaan type two dhaaf hin saaxilamnu jechuudha. Yoo kanaan hin sirratu ta’e dhibeen kuni furmaataaf gara qoricha fudhachuutti deemna jechuudhaa. Qorichi sun warra type one dhaaf furtuutu kennama sun insuliinii barbaachisa waan ta’eef type two garuu furtuun xinnaachuu danda’a garuu yeroo hedduu furtuu sanatu sirriitti hin hojjetu ta’a ykn banamuu dida ta’a kanaaf qorichaan furtuun sun akka banamu goona jechuudha.

Kaan kan barbaachisu qorichi sun hojjeteeraa fi hin hojjennee isaa hin hir’isnamoo itti dabaluu qabna isa jedhuufii yeroo hundumaa hordofuu qabna yoo ta’uu baatee bakka wal’aansaatti lakkoofsa isaanii baruudha. Kun waan lamaaf nu gargaara innis qoricha sana in daballamoo in hir’isa isa jedhuudha, sukkaarri sun garmalee gadi bu’e yoo ta’e qoricha sana sirreessuu waan barbaachisuufiidha, inni biraan furdina ofii yeroo hundumaa ilaaluu ulfina ykn kiiloo meeqa akka taane ilaaluun barbaachisaadha sochiin qaamaa baay’ee murteessaaadha nyaata nyaannullee yoo danda’ame ulfaatina keenyaaf ykn furdina keenyaaf waan ta’a ta’u ilaallee nyaachuu qabna.

Namootni dhibee kanaan qabaman gosa nyaata akkamii akka fayyadamu qaban haa ilaallu. Nyaata gosa akkamii maal akka baayinaan sooranneetu barbaachisaadha risk kana ofirraa ittisuu dandeenya kan jedhuufi nyaati qaama keenyaaf ta’u keessumaa yeroo umuriin keenya dabalaa deemu kan balance ta’an madaalanii fudhachuun gaariidha.

Sukkaaraaf garuu gosa fuduraa fi muduraa gosa midhaan akka callaa, atara, isaan kun gaariidha, kuduraa fi fuduraa keessa naannoo keenyatti beekamaan raafuudha, isaan kana gargaaramuudha. Kanneen akka mango, paappayyaa, qaaraa, raafuu maramaa fi kkf ittisuudhaaf nu gargaaru. Mangoo, muuzii, burtukaaniin kun minya’aa qabu torbanitti yeroo lama sadii fudhachuun gaariidha.  Kanneen akka foonii kan ta’an akka balance diet torbanitti ykn darbee darbee fayyadamuun rakkoon hin qabu garuu baayisuu miti harka caaluu fuduraa fi kuduraalee fayyadamuun baa’yee barbaachisaadha.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

error: Content is protected !!