Dhukkuboota Wal Quunnamtii Saalaan Daddarban
Fayyaa wal hormaataa ykn fayyaa saal quunnamtiin wal qabatan yammuu haasofnu hawaasa keenya biratti akka safuu cabsuutti kan lakkaa’aman jiru hawaasni keenya baay’enis dhibeewwan kanaan kan wal qabatan yoo baasee hin dubbanne nii qaba.Kanaaf wal quunnamtii saalaan daddarban akkamitti ofirratti beekuu dandeenya akkasumas akkamitti ofirraa ittisuu dandeenya dhibeewwan saal quunnamtiin daddarban kun rakkoo akkamiif nama saaxilu akkamittis ofirraa dhorkuu dandeenya kan jedhu waliin ilaalla.
Dhibeewwan garagaraa kunnis bakka lamatti qoodnee ilaaluu dandeenya. Dhibeewwan daddarboo ta’anii fi dhibeewwan daddarboo hin taane ilaalla.Dhibeewwan daddarboo ta’an yammuu jennu kallattii adda addaatiin kan namatti darban fakkeenyaaf dhibee covid-19 akkasumas dhibeewwan karaa dhiigaatiin daddarban nama waliin wal xuxxudhaanis kan darban jiruu, haadha irraa daa’imatti kan darbanis jiru as keessatti garuu kan ilaallu dhibeewwan saal quunnamtiidhaan daddarban ilaalla.
Dhibeewwan akkasii maalfaa akka ta’an kanaan dura dhageessanii beektuu? Haga beektan irraa namootni tokko tokko dhibeewwan lamaan sadan tokko kaasuu dandeessu. Dhibeewwan kanneen keessaa kanneen aka cophxoo, fanxoo jettanii himuu dandeessu. Kana qofa osoo hin taanee dhibeen saal quunnamtii saalaan daddarban heduudha. Dhibee kana akkamitti ilaalla kan jedhu as keessatti ilaalla jechuudha. Egaa dhibeewwan saal quunnamtiidhaan daddarban jedhaman kunneen dhiira tokko irraa dhalaa tokkotti kan darban jechuudha.
Dhibeewwan kunneen akkamitti ofirratti baruu dandeenya? Mallattoo akkamii agarsiisu? Yeroo akkamii mana yaalaa deemuu qabna? Akkasumas maal gochuu qabna kan jedhu ilaalla. Dhibeen saal quunnamtii saalaan daddarbanii akkuma beekamu jaarmonni garaagaraa jiru kan qaama keenya irraan dhibee garaagaraa geessisan baakteriyaan jiraa, vaayirasiin jiraa, fangasiin jiraa akkasumas maxxantootni garaagaraas jiru maxxantootni kunneen kutaa qaama keenyaa kallattii adda addaatiin seenu fakkeenyaaf kallattii argansuudhaan dhibee Tb fudhannee ilaaluu dandeenya.
Yammuu qaama keenya keessa seenan alagaa qaama keenya irraa lolan farra alagaa qopheessa jechuudha. Yeroo kana lolli qaama keenya keessatti baakteriyaa ykn fangasii fi qaamota farra alaga ta’an kan qaama keenya irraa ittisan gidduutti lolli yammuu uumamu abbaan moo’u fakkeenyaafi baakteriyaan ykn vaayirasiin sun qaama keenya moo’ee yeroo itti dhiibbaa garaagaraatiif nu saaxilu ta’uu mala.
Akkasuma dhibeewwan saal quunnamtii saalaatiin daddarban saal quunnamtii saalaa daangaa hin qabneen kan nama irra namatti dabran fakkeenyaaf baay’een keenya kan fakkeenya fudhannee ilaaluu dandeenyu HIV akkuma beekamu kallattii garaagaatiin daddarba karaalee saal quunnamtii dhaan dhibee daddarban keessaa guddaan dhibee HIV dha. Garuu HIV qofa osoo hin taanee dhibeewwan saal quunnamtii saalaatiin kan daddarban dhibeewwan biroo kan rakkoo adda addaatiin nama saaxilan hedduutu jiru. Fakkeenyaaf kaansarii gadameessa dubartootaa, dhibee kana kan fidu vaayirasidha. Jarmiin kuni kara wal quunnamtii saalaatiin nii darba. Kana booda wal horuudhaan gara kaansarii gadameessatti guddachuu danda’a jechuudha. Kanaaf gabaabadhumatti dhibeewwan saal quunnamtii saalaan daddarban kuni dubartii irraa dhiiratti nii darba dhiira irraa ammoo dubartiitti nii dabra.
Akka fakkeenyaatti dhiira irraa dubartiitti yoo darbe dubartootni rakkoo akkamiif saaxilamu? Dhibee akkamii akkamiifaa fida? Cophxoo fanxoo kan jedhaman nii jiru dhibeewwan akkas akkasii? Rakkoo akkamii irraan geesisuu danda’a? Akkuma beekamu jarmiin kuni kara wal quunnamtii saalaa dubartii tokkotti erga darbee booda rakkoo garaagaraa geesisuu danda’a infekshiniiwwan gadameessa fi baattoowwan balbala gadameessaa akkasumas ammoo gadameessa irratti miidhaa geesisuu danda’a yeroo kana dubartootni mallattoo akkamii agarsiisu geejjibduu hanqaaquu kan ta’ee fi keessoon gadameessaa yeroo isaan infekshinii ykn madoo uuman kana jechuun sababa jarmii kana irraa kan ka’e madaa’uu danda’u jechudha.
Kanaaf dubaryootni tokko tokko dhukkubbii handhuuraa gadii yeroo isaan dhukkubu mallattoo kanneen akka dhangala’aan addaa dhangala’aan fooilii qabu qaama saalaa keessaa bahuu yeroo wal quunnamtii saalaa gootu miirri dhukkubbii itti dhaga’amuu hoo’inni qaama olaanaa itti dhaga’amuu danda’a dubartii tokkotti, jarmiin kun erga seenee booda infekshinii uumee madaa garaagaraa irraan geessisa jechuudha.
Kunimmoo rakkoo akkamiif isaan saaxila ? Mallattoon kuni infkeshiniiwwan keessoo gadameessaa akkasumas ammoo geejjibduu hanqaaquu gadameessaa kanneen ta’an kuni dhiibbaa akkamii irraan ga’uu danda’u dhukkubbiin isaa garaa gar tokko ykn handhuuraa gadii akkasumas ammoo dhangala’aan foolii qabu gadameessa keesaa dhangala’uu akkasumas ammoo yeroo wal quunnamtii saalaa baay’ee dhukkubuu danda’a hamma sadarkaa dhiiguuttillee deemuu danda’a jechuudha.
Egaa rakkoon kun dubartii rakkoo akkamiif saaxila yoo jenne keessoon gadameessaa yeroo madaa’utti mada’aa adeemee rakkoo dhala dhabuudhaaf saaxiluu danda’a . Hanqaaquun ovaarii irraa erga gadi dhiifamte booda gara geejjibduu hanqaaquutti deema sanyiin dhiiraa fi sanyiin hanqaaquu kunii ovaarii erga gadi dhiifamtee booda gara geejjibduu hanqaaquutti deemti. Sanyiin dhiiraa fi sanyiin hanqaaquu kuni geejjibduu hanqaaquu keessatti erga wal arganii booda fertilaayizeshinii uuma jechuudha. Achitti erga wal arganii booda dhalli namaa uumamuuf achi keessaa baatee gadi deemti jechuudha ykn gara keessoo gadameessatti deemtee gadi maxxanti jechuudha.
Yeroo kana maal ta’a madaan waan jiruufi deemuu hin danda’u jechuudha. Fakkeenyaaf hanqaquun tokko geejjibamudhaaf waan ishee geejibu barbaachisa yeroo akkasii sanyii dhiiraa kuni fertilaayiz ta’ee achi keessatti hafuu danda’a gadi bu’uu dhiisuu waan danda’uufi rakkoo ulfa gadameessaa alaafillee nama saaxiluu danda’a jechuudha. Egaa kuni rakkoowwan gadameessa alaa, rakkoowwan akka dhala dhabuufillee nama saaxiluu danda’a hamma sadarkaa hamaatti geessisuu danda’a kanaaf mallattoo akkasii yoo ofirratti argitan gara mana yaalaa deemuun barbaachisaadha.
Inni biraan dubartoota irratti rakkoo garaagaraa geessisuu danda’u keessaa naannoo qaama saalaa madaa’uudha. Dhibeewwan garaagaraa kanneen akka cophxoo kaasnee ilaaluu dandeenya, naannoo qaama saalaa dubartootaa madeessuu danda’a yeroo hedduu dubartootni hedduun naannoon sun yoo madaa’e gara mana yaalaa dhufuu saalfatu ykn ammoo naannoo qaama wal hormaataa agarsiisuu saalfatu waan ta’eefii yeroon itti rakkoo guddaan isaan irraan ga’utu argama.
Rakkoon kun ammoo rakkoo xiinsammuus rakkoo fayyaas. Kanaafimmoo naannoon qaama saalaa nii madaa’aa naannoon sunimmoo dhukkubbiin itti dhaga’amuu danda’a ykn ammoo dhangala’aan biraan dhagala’uu danda’a ykn dhiiguu danda’a kunis egaa dhibeewwa wal quunnamtii saalaan daddarban ta’a jechuudha.
Gama biraatiin dubartiin tokko irraa ammoo gara dhiiraatti darbuu danda’a, dhiirri dubartii irraa gara dhiiratti darbe mallattoo akkamii agarsiisa rakkoo akkamii irraan ga’uu danda’a? Akkuma beekamu qaama saalaa keessoo isaa keessa kan gara alaatti fincaan dabarsu keessoon isaa infekshinidhaan saaxilama, keessoon isaa madoodhaan saaxilamee jennaan mallattoowwan kanneen akka dhangala’aan adii dhangala’aa addaa kan sanyii dhiiraa osoo hin taanee dhangala’aan qaama saalaa dhiiraa keessaa callisee bahuudha kanneen akka dhangala’aa adii ta’uu danda’aa dhangala’aa keelloo ta’uu danda’aa dhangala’aan kun yeroo hedduu qaama saalaa dhiiraa keessaa ba’u jechuudha.
Inni biraan yeroo fincaan fincaa’u miirri gubaatii itti dhaga’amuu danda’a akkasuma dafee dafee amma amma fincaasisuu danda’a dhangala’aan sun keessaa ba’uu danda’a kunis mallattoo isaa waan ta’eef dhiirri kamiyyuu mallattoo akkasii yoo ofi irratti arge dafee mana yaalaa deemuun barbaachisaadha. Rakkoon kun nu saaxiluuf dhala dhabuufillee nu saaxiluu danda’a, qaamni saalaa dadhabuu fi dhukkubbiin itti dhaga’amuu danda’a jechuudha.