Friday, June 21, 2024
Health News

Du’a Tasaa

Namni Maaliif Akka Tasaa Du’a ?

Du’a tasaa yeroo hedduu hawaasa keenya keessatti baay’ee beekamaa fi akkasumatti kan ilaalamuudhaan qorannoo tokko malees callifame bira darbamuudha. Namni hedduun utuma nagaa dubbatuu, utuma hojiirra jiru utuma haasa’uu achumaan du’ee hafe, ganama utuma walin taphannuu du’e, galgala waliin turre ganama du’aa isaa argine yeroo hedduu namootni dubbatan argina. Kaleessa waliin dubbataa turre maaltu fudhate fi kkf jechuudhaan akka tasaa lubbuun isaa darbe yeroo jedhamu nii dhaga’ama.  

Du’a tasaa kana maaltu fida? Akkamitti fiduu dandeenya? Akkamittis ofirraa ittisuu dandeenya? Dursinee rakkoon kun akka nun mudanne hiriyaa keenya, maatii keenya, obbolaa keenya, abbaa keenya, haadha keenyaa fi ijoollee keenya akka hin mudanneef akkamitti irraa of ittisuu dandeenya kan jedhu waliin ilaalla.  

Balaa tasaa akka tasaa du’uu kana akkamitti akka ofirra ittisuu dandeenyu barreeffama kana keessatti nii argattu. Egaan du’a tasaa jechuun namootni tokko tokko dhukkuba kan biroos haa qabaatani haa dhabanis yeroo sanaaf garuu waanta hin du’u jedhamee hin yaadamne irra namoota jiran akkasuma walumaa galattimmoo namootni fayyaa guutuu qabaatanii yerooma gabaabduu keessatti dhukkuba daqiiqaa muraasaa himatanii yookaan ammoo osoo dhukkuba tokkollee hin himatin utuma taa’anii taphatanii, utuma taa’anii nama waliin haasa’anii utuma hojii isaanii hojjetanii, utuma daandirra deemani yeroo kufanii achumaan hafan jechuudha kun egaa du’a akka tasaa kan jedhamuudha.  

Du’a akka tasaa kana maaltu namatti fida jennee yoo ilaalle rakkoo onnee dhibee onnee waliin kan wal qabatuudha. Dhibee onnee gaafa jedhamu dhukkuba tokko miti dhukkuba hedduutu jiru. Kan qaama ittiin dhiigni onnee irraa gara alaatti bahan maashaa onnee memberane onnee haguugee jiru karaa adda addaa qoondee ilaaluu dandeenya. Hedduun isaa namootni akka tasaa du’anii argaman waan onneedhaan wal qabataniidha. Akkuma beekamu onneen keenya qaama keenya keessaa qaama baay’ee barbaachisaadha. Maaliifii sammuun keenya hojjechuudhaaf, kaleen keenya hojjechuudhaaf qaamni keenya guutummaan onnee keenya irratti hundaa’a.

Akkuma beekamu onneen keenya dhiiga raabsa, sammuun keenya hojii isaa hojjechuudhaaf, iji keenya hojii isaa dalaguudhaaf qaamni keenya hunduu hojii isaa hojjechuudhaaf dhiiga barbaada. Walumaa galatti egaa onneen keenya yoo miidhame rakkoolee gurguddaa akkasiitiif nu saaxiluu danda’a. Qaamonni keenya qaama keenya jiran yoo isaan miidhaman yeroodhaaf jiraachuu nii dandeenya onneen garuu sekoondii tokkoof hojii yoo dhaabde qaamonni hundumtuu ishee irratti hundaa’anii waan jiraniif isheema faana hojii dhaabu jechuudha. kanaafiidha ka’umsi du’a tasaa namoora irratti ta’u yeroo hedduu dhukkuba onnee waliin wal qabatu.  

Dhibeewwan onnee waliin wal qabatan sadan tokko haa ilaallu. Dhibeewwan kana keessaa inni jalqabaa dhibeen dha’annaa onnee jeeqamuudha. Onneen keenya akkaataan dha’annaa ishee yeroo tokkko tokko nii dabala, yeroo tokko tokkommoo suuta jedha onneen dha’achu jechuun dhiiga baasuu jechuudha. Yeroo tokko tokko onneen kuni regular ta’uu qaba. Dha’annaan onnee kuni gaappii gidduu jiru kan beekameedha hamma turtii nii qaba seera isaa kan eege ta’uudha qaba yeroo tokko ariifatee, yeroo tokko suuta jedhee yeroo tokkommoo dhaabatee ka’a taanan kun rakkina jabaadha jechuudha.

Inni kan biraan dhibeen onnee du’a tasaa waliin wal qabatu maashaan onnee keenyaa dalagaa isaa kana dalaguudhaafi ofiisaatiillee nyaata barbaada dhiiga barbaada,qilleensa ykn oxyegn barbaada inni kunommoo eessan dhaqaafii ujummoolee isaaf geessan cornory artery kan jedhamuudha jechuudha. Akkuma beekamu onnen keenya maashaa keenyaaf dhiiga raabsa, akkuma dhiiga raabsu sanammoo maashaan onnee keenyaa ni jira isaani kunis ofiisaaniitii dhiiga barbaadu fakkkeenyaaf onneen tokko dhiiga raabsuudhaaf kottoonfachuu qaba, kottoonfachuudhaaf ammoo maashaan kun nyaata barbaada dhiigas barbaada. Dhiiga kanammoo oneen qaama biraatiif akkuma raabsu ofiitisaafis nii barbaada jechuudha.

Karaan inni argatummoo ujummoo dhiigaati.kanaaf ujummoon dhiigaa onneedhaaf dhiiga geessan sun baay’ee dhiphatanii dhiiga haga barbaachisu gadi yoo geessan ykn ammoo guutummaadhumaan yoo cufamanii dhiigni darbuu yoo dide onneen nyaata dhabee seeliin nii du’a hojinis nii dhaabaate jechuudha. Seeliin du’e jechuun ammoo maashaan onnee sanaa kottoonfachuu hin danda’u, kottoonfachuu waan hin dandeenyeef ammoo dhiigni gara sammuu deemu, gara kutaa qaama biraa deemu waan hir’atuufii namni tokko du’a tasaaf saaxilamuu danda’a. 

Dhibeen du’a tasaaf nama saaxilu onnee waliin wal qabate inni sadaffaan ammoo ujummoo guddicha dhiiga qulqulluu onnee irraa baasee gara qaama hundumaatti tamsaasu dhibeewwan isaa waliin wal qabatanis du’a tasaa fiduu danda’u yeroo tokko tokko dho’uu danda’a yeroo inni baay’ee bal’ataa deemu dhiigni akka hin dhiigne dhiibbaa uumuu danda’a akkasuma sadarkaa dho’uu irrallee ga’uu danda’a jechuudha akkasuma baay’ee dhiphachuullee danda’a dhiigni akka barbaadamutti akka ol hin baaneefii yoo dhiphate dhiigi ga’aan sammuu fi qaamota biroo biraa waanta ga’uu dadhabuuf namni sun salphaatti dafee du’uu danda’a jechuudha kunis utuu mallattoo hin agarsiisin, utuu hin beeksisin namni sun du’uu mala. Kanaaf dhibeewwan kan biroon du’a tasaa waliin wal qabatanis nii jiru isaan kun hedduu yoo ta’aniyyuu irra jireessan kan beekamoo ta’an isaan kanaadha.  

Inni biraan du’a tasaatiin wal qabatu stroke kan jedhamuudha. Stroke jechuuni dhigni sammuu keessatti dhangala’uu ykn dhiigni gara sammuu deemu hir’achuu irraan kan ka’e sammuun dhiiga dhabuu isa kanas karaa lama ilaaluu dandeenya inni tokko hiddi dhiigaa sammuu keessa jiran dho’anii dhiigni sammuudhaaf yaa’uu dhiisanii sammuu keessatti walitti qabamuu jechuudha. Inni kan biraan ujummooleen xixiqqoon sammuu keessa jiran gaafa itita dhiigaatiin cufaman sababa adda addaatiin gaafa cufaman dhiigni sammuu bira ga’uu dadhaba sababa kanatti akkuma kan onnee sammuunis nyaata dhaba jechuudha.

Ammas sammuun nyaata hin argatu taanaan seelonni in du’u in dhiita’u suuta suura waan baay’ee ta’aa deemu akkuma beekamu sammuun keenya kutaa qaama keenya hundumaa too’ata. Sirna hargansuu keenyaa kan too’atu kutaa sammuu keenyaa keessatti argama.kanaaf kutaan sun miidhamee jennaan namni tokko hargansuu dadhabuu danda’a jechuudha. Egaa kunis du’a tasaa fiduu danda’a. Dhibeen kan biraan ammoo gara somba keenyaa irra kan jiruudha kan dhibee du’a tasaa fiduu danda’an jedhamanii yaadaman.

Itti dhiigaa ujummoo gara somba keenyaatti geessu dhiiga geessu dhiigi onnee keessaa bahee gara sombaa dhaqu jechuudha yeroo cufamu sababa adda addaatin fakkeenyaf ititi dhiigaa jiraachuu danda’a kunimmoo ujummoon silaa dhiiga onneerra fuudhee gara sombaa geessee qilleensa xura’aa achitti hambisee qineensa qulqulluu as deebisuu kan da’au hafee wal jijjiirraan qilleensa xura’aa fi qilleensa qulqulluu osoo hin raawwatamin hafa jechuudha. Akkasuma sombillee dhiiga biraa argataa hin jiru jechuudha kanaafiidha namni tokko du’a tasaaf kan saaxilamu. Walumaa galatti dhibeewwan kana shananiidha kan du’a tasaa hin fidu jedhamanii eegaman. 

Dhibee kana ofirraa ittisuuf umurii waliin kan wal qabatani dhufan irrati kan hundaa’u ta’a. Akka walii galaatti namni tokko maal gochuu qaba. Namni tokko dhibeewwan akkasiitiif akka hin saaxilamne yoo yaade yeroodhaa yerootti sochii qaamaa gochuu, nyaata ulfaatina qaamaa hin fidne hir’isuu, sigaaraa xuuruu dhiisuu,yeroo umuriin isaanii deemu ammoo yeroo yeroodhaan ogeessa fayyaa bira deemuudhaan ilaalamuudha.  

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

error: Content is protected !!