Thursday, June 20, 2024
Trending

Furmaata Hirriba Dhabuu

As keessatti maloota hirriba ga’aa dhabuuf furmaata ta’an kan argannuudha kana jechuun maloota hirriba ga’aa ta’an idileedhaan argachuuf nu gargaaran mala hedduu kan argannuudha.

Gara maloota kanatti osoo hin darbin hirriba ga’aa jechuun maal jechuudhaa? Namni ga’eessi tokko umuriin isaa wagga 18-60 kan jiru tokko hirriba ga’aa ykn quubsaa argate jechuudhaaf kanneen armaan gadii guutuu qaba.

Idileedhaan guyyaa tokkotti hirriba halkanii sa’atii 6-8 argachuu qaba. Hirribni isaa kun yeroo hundumaa sammuudhaaf boqonnaa kan kennu kan hin ciccinne, abjuu hamaadhaan kan hin guutamne ta’uu qaba. Ganama gaafa hirriba ka’u miira quufuu, boqonnaa argachuu tasgabbaa’uu, kan isaaf kennu ta’uu qaba.  As keessatti akkuma hubattan namni tokko hirriba ga’aa argate kan jennu dheerinni hirriba sanaa yeroo inni hirriba keessatti darbe, qulqullinni inni hirriba isaatii baay’ee murteessaadha.

Nama ga’eessa tokkoof hirriba sa’a 6 gadii rafuunis hirriba sa’a 8 olii rafuunis gaarii miti dhukkubaas isa saaxila. Hirribni ofii sa’atii 6 gadi gabaabbachuunis sa’atii 8 ol dheerachuunis fayyaa sammuun fi qaama biro keenyaaf gaarii akka hin taane darbeyyuu umurii namaa akka gabaabsuudha bu’aaleen qorannoo kan agarsiisan.

Kanaaf hirribaan wal qabatee kaayyoon keenya hirriba halkanii sa’atii 6-8 idilee argachuu qabna kanaa gadis kanaa olis taanan garuu rakkoon fayyaaf nu saaxila.

Egaa waantota hirriba keenya ga’aa akka ta’u yeroo hundumaa quubsaa akka ta’u nu taasisu nu gargaaran maloota muraasa as keessatti nii argattu.

Mala tokkoffaan hirriba ofii sagantaa dhaabbataadhaan adeemsisuudha. Gaafa gara ciisichaa keenya deemnu hirribi keenya battaluma akka nu qabu yoo barbaanne sammuun keenya shaakalchiisuutu nurra jiraata. Kana gochuudhaaf yeroo mara guyyaa ayyaanaa fi guyyaa sanbataa dabalatee sa’atii wal fakkaataadhaan gara hirriba deemuudha. Sa’atii walfakkaataadhaan hirriba ka’uu, sammuun keenya shaakalchiisuutu nurra jiraata. Sammuun dhala namaa haaressuuf hirribni halkanii kan sa’atii 4-11 gidduu jiru filatamaadha. Yeroo mara haga danda’ametti hirriba ofii sa’atii kanatti qajeelfachuudha.  Kana gochuun salphaatti sammuun ofii sa’atii hirribaatii fi sa’atii dammaqinaa akka amaleeffatuuf haaluma kanaan hojiisaa akka hojjetu isa taasisa.

Mala lammaffaan bakka ciisicha ofii mijeessuudha. Dhalli namaa umurii isaa keessaa 1/3 ykn dhibbantaa 30% hirriba keessatti kan dabarsa. Bakka yeroo isaa hamma kana itti dabarsa xiyyeeffannoodhaan qixeessuu, mijeeffachuutu irra jiraata. Bakki ciisicha keenya xiyyeffannoo olaanaa haala hirriba deggeruun ta’uu qaba. Yeroo mara qulqullaa’aa ta’uutu irra jiraata, qalamni ykn halluun kutaa hirriba keenyaa haala hirriba waamuun ykn hirriba simatuun kan faayame ta’uutu irra jiraata. Kutaa rafiitii keenya ykn siree keenyaa wal quunnamti saalaa fi hirriba keenyaf qofa fayyadamuutu irra jiraata.

Siree ofiirratti qo’achuun bilbila haasa’uun fiilmii ilaaluun sammuun keenya kanaan amaleeffachuun akka inni rakkatu isa taasisa. Kanaaf gaafa isin deemtanii ciiftan hirriba fiduu rakkattan. Kanaaf kutaa ciisicha ofii hirriba qofaafii wal quunnamtii saalaatiif fayyadamuudhaan sammuun ofii gaafa gara siree dhufe bakka ciisichaa keessan geessan akka inni dafee hirriba waliin wal argu gochuudha.

Gaafa ciisnu kutaa keenya hundumaatti dukkaneessuu kallattii ifni jiru hundumaan balleessuu cufuun baay’ee barbaachisaadha. Yoo kana gochuun rakkisaa ta’e ija ofii hucuudhaan laaffisanii hidhuun gaariidha. Gaafa nuti ciisnu kutaan keenya dukkana ta’uun Hormoonii Melatonin jedhamu kan hirribni akka nutti dhufu taasisu akka inni baayinaan maddu taasisa. Kanaan akka hirriba keessa seennu akka hirriba gaarii argannu nu taasisa jechuudhaa.

Malli sadaffaan dhugaatii alkoolii dhiisuudha.  Alkoolii gaafa dhufan amala nama mugsiisuu, raffisuu qaba. Namootni baay’een alkooliin hirribaaf gaarii akka ta’etti hubatu dhugaan isaa garii dafee nama haa raffisu malee hirribni halkan walakkaa booda akka nama irraa badu hirribni ofii akka ciccitu taasisa. Akkasumas dandeetti sammuun haaressuu hirriba balleessuudhaan namni hagam rafuyyu gaafa dammaqu dadhabbiin akka itti dhaga’amu akka duquqqa’amu isa taasisa. Kanaaf fayyaa hirriba ofii eeguudhaaf yoo danda’ame alkoolii tasa dhuguu dhiisuudha yoo dadhabame ammoo gaafa rafuuf ka’an alkoolii dhuguu dhiisuudha.

Malli afraffaan si’eessitoota sammuun hir’isuu ykn dhiisuudha. Dhugaatiin akka shaayee, coca fi bunaa keemikaala kaaffen jedhaman kan sammuun namaa haga sa’atii shanii olii kan sammuun namaa si’eessuu danda’an of keessa qaba. Kanaaf waaree booda shaaye,cocacola fi buna fudhachuun hirriba keenya halkanii  waan jeequuf tarkaanfii irratti fudhachuun baayee barbaachisaadha. jimaa fi sigaaraa irratti murteessuun hirriba keenyaaf baayee barbaachisaadha.

Malli shanaffaan yaadachiiftuu hirriba barsiifachuudha. Gaafa waa hojjetaa jirru gidduutti kaanee gara afata keenya ykn gara siree keenya deemnu sammuun keenya hojii sila hojetaa ture irraa yaada isaa kaasuu rakkata. Nuti rafuu barbaannee gara siree keenya deemna sammuun garuu ammallee hojiirra jira. Kana hambisuuf yeroo hundumaa gara rafiitii keenya dhaquu keenyaan dursa daqiiqa 30 haga sa’atii tokkoo hojii hojjetaa jirru dhaabuun baayee barbaachisaadha.

Yeroo kana keessatti amala sammuun keenya hirriba yaadachiisan amaleeffachuun sammuun akkaan baayee busy ture gaafa nuti gochoota amaleeffatan kana raawwannu kallattiisaa gara hirribaatti naanneessa. Amaloota barsiifachuu qabnu keessaa muraasni ilkaan dhiqachuu, kadhannaa godhachuu, muuziqaa faarfannaa ta’uu danda’a sirbas kan hirriba deggeru banachuu dhaggeeffachuu akkasumas dubbisa qabiyyeen isaa nama bashannansiisu kan yaada namaa busy hin goone fuula 2-3 dubbisuudha.

Malli ja’affaan guyyaa rafuu dhiisuudha. Akka seeraatti hirribni halkan keessaa sa’atii 4 hanga sa’atii 11tti jiru hirriba sammuun namaaf haaromsa olaanaa kennuudha. Kanaaf hirribni keenya sa’atii kana akka najalaa hin jeeqamneef yoo hojjetaa shift taane male guyyaa rafuun gonkumaa sirrii miti. Yoo dirqamne ammo daqiiqa 30 ol dabarsuun nurra hin jiraatu.

Malli torbaffaan sochii qaamaa amaleeffachuudha. Guyyaatti daqiiqa 30-60 sochii qaamaa gochuun fayyaa ykn qulqullina hirriba keenyaa eeguuf hedduu murteessaadha. Sochiin qaamaa dandeettii sammuun keenya si’eessuu waan qabuuf sa’atii hirriba keenya irraa sa’atii 2-3 ta’e fageessuun baay’ee barbaachisaadha. Akkas jechuun utuu gara siree hin deemin sa’atii lama sadii dursa sochii qaamaa hojjechuutu nurra jiraata.

Malli saddeettaffaan rafiitii dursa waan soorannuuf xiyyeeffannoo kennuudha. Utuu hin nyaatin rafuunis ta’e nyaata garaacha keenyatti ulfaatu sooratanii rafuun hirriba keenya jeequu danda’a. kanaaf yeroo mara hirriba dura nyaata sasalphaa amaleeffachuun gaariidha. Haannan ho’aa dhuganii rafuunis hirriba keenyaaf gaariidha.

Malli saglaffaan yeroo iskiriinii irratti dabarsinu xiqqeessuudha. Xiyyi ifa TV, kompitara,bilbila harkaa fi kkf irraa gara ija keenya dhufan sammuun keenya si’aa’aa taasisu, sammuun si’aa’emmoo hirriba rafuuf nii rakkata. Kanaaf rafiitii keenya dursa sa’atii 2-3 dursinee meeshaalee akka tv, kompitara, bilbila harkaa fayyadamu dhaabuun sammuun keenya akka of tasgabbeessu nu taasisa.

Malli kurnaffaan amaloota badoo irraa of fageessuudha. Yeroo tokko tokko hirribni keenya gaafa nu didu hirriba keenya fiduudhaaf gochootni nuti goonu tokko tokko daran hirribni keenya akka inni badu taasisa. Isaan keessaa kan jalqaba lamman utuu hirribni nun qabin  gara rafiituu dhaquu fi hirriba malee daqiiqa 20-30 siree irra turuudha. Namni hirribni isaa dhufnaan gara rafiitii dhaqe rafee daqiiqa 20 gaditti hirriba keessa seenuu qaba. Sababa dadhabneef utuu hirribni hin dhufin yoo gara rafiitii dhaqne daqiiqa 20-30 siree keenya galagaggaluudha. Kana irraa of eeggachuun barbaachisaadha.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

error: Content is protected !!