Thursday, June 20, 2024
Health News

Dhibee Garaa Kaasaa Daa’immanii 

Maatiin daa’immanii dhibee garaa kaasaa daa’imman isaanii beekuu qabu. Garaa kaasaaan dhibeewwan gurguddoo shanan daa’imman ittiin du’an ekessaa isa tokkoodha. Akka Addunyaatti dhibeewwan lubbuu daa’immanii balleessuudhaan beekaman keessaa inni hangafti isa kanaadha garuu yeroodhaan yaala argannaan irra fayyuu salphatti kan danda’amuudha. Waantotni kun biyyoota guddataa jiran keessatti baayinaan mul’ataa jiran.

Garuu yeroodhaan yaala argannaan kan dafanii ittifamuu danda’aniidha. Kanaaf dhibeen garaa kaasaa dhibeewwan daa’immaan waggaa shanii gadii akka isaan lubbuun dhabaman kan taasisan keessaa isa tokkoodha. Waggaatti dhibeewwan kanaan daa’imaan miliyoona 3-5 dhukkuba kanaan du’u jedhamee tilmaamama. Daa’immaan hedduun akka isaan lubbuu isaanii hin dhabne taasisuuf yeroodhaan yaala gaarii kennuufiidha.  

Irra caalaan isaa sababa dhangala’aa qaama isaanii keessaa hir’isuufiidha. Garaa kaasaan daa’immaan kan fixuuf sababa dhangala’aa qaama isaanii keessa fixuufiidha. Dhibeen kun irra caalaa isaa kan mul’atu ijoollee waggaan isaanii shanii gadi ta’e irrattiidha. Keessumaa daa’immaan ji’a 6 hanga waggaa tokkoo gidduu ta’an irratti baayinaan nnii mul’ata. Sababoowwan gurguddoon kunis umuriin kun umurii ijoolleen nyaata dabalataa itti jalqabaniidha.

Daa’immaan haga ji’a ja’aatti harma haadhaa qofa hodhu, harmi haadhaammo yeroo hundaa qulqulluu kan ta’e hoo’aa kan ta’e kan qopheessuu hin barbaachisne kan ittisoo farra baakteeriyaa kan qabu, daa’immaan akka garaa kaasaa hin godhanne kan taasisuu fi kan carraa daa’ima akka garaa kaasaa godhatu hin taasisneedha.  

Haata’u malee yeroo ji’a ja’aatti nyaata dabalataa jalqabuu qabu daa’immanni,yeroo nyaata dabalataa jalqaban kana daa’imman carraa garaa kaasaan qabamuu qabu. Akkasuma umurii kanatti daa’imni waan argan hunda lafaa fuudhani gara afaan isaanitti geessu. Waggaa tokko qofa osoo hin taanee haga waggaa lama yeroo ga’anitti waan arganii fi waan qaban hunda gara afaan isaaniitti waan geessaniifiidha.  

Umurii isaanii kanatti ittisoon dhukkuba adda addaa kan haadha irraa gara daa’immaniitti darbe qaama isaanii keessaa waan dhumaa deemuufiidha. Daa’imman yeroo gadameessa haadhaa keessaa bahan ittisoo qaamaa haadha irraa fudhatani dhalatu, ittisoon kunimmoo yeroo umuriin isaani gara ji’a ja’aa fi isaa ol ta’utti qaama isaanii keessaa dhumaa deema.

kan haadha irraa argatan qaama isaanii keessaa dhumaa kan ofiisaaniimmoo reefuu oomishaa waan deemaniif yeroo sanatti ittisoon qaama isaanii keessa jiru gadi bu’aadha ykn xiqqaadha kanaaf carraa dhukkuba garaa kaasaatiin qabamuu isaanii isa olaanaadha. Kanaaf daa’immaan umuriin isaanii ji’a ja’aa haga waggaa tokkoo gidduu jiran carraan isaan dhibee kanaan qabamuu baay’ee bal’aadha jechuudha.  

Mallattoowwan dhibee garaa kaasaa beekamaadha. Isaan kunis bobbaa qal’aa amma ammaa baasuu, hoo’ina qaamaa dabaluu, amma amma hoqqosiisuu, akkasuma dhukkubbii garaa kan akka garaa ciniinnaa qabaachuu fi akkasuma fedhii nyaataa hin godhatan daa’immaan yeroo dhukkubbii garaa kaasaa qaban. Kunis daa’ima qofa osoo hin taanee namni kamiyyuu yeroo dhukkuba garaa kaasaa qabu fedhiin nyaataa isaa baay’ee gadi bu’aadha. Kana malees ulfaatinni qaama isaanii baay’ee gadi bu’aadha.

Torban tokko lama qofa osoo hin taanee guyyaa tokko lama keessattuu dhibee kanaan yeroo qabamaa turanitti dhangala’aan qaama isaanii keessaa hir’achaa waan deemuuf ulfaatinni qaama isaani gadi bu’aa deema jechuudha. Egaan isaan olitti caqafaman kun mallattoodha malee dhibee miti. Yeroo hedduu dhibee garaa kaasaa kana kan fidan vaayirasiidha. Maatiin tokko tokko akkaataan isaan itti yaadan nyaata diduun daa’immanii sun mallattoodha malee dhibee miti.

Daa’immaan fedhii nyaataa dhabuun sun mallattoodha malee dhibee miti ofiisaa. Vaayirasoota adda addaatu jiru kan garaa kaasaa fidan. Vaayirasoota kana keessaa kanneen talaalliidhaan ittifamuu danda’an nii jiru.  

Akkasuma kana malee baakteriyaatotni adda addaa paarasaayitootni adda addaas nii jiru. Kanneen kana fakkaatan dhibee garaa kaasaa fiduu nii danda’u jechuudha. Keessumaa bobbaan isaanii dhiigaan kan wal makate yoo ta’e ka’umsi dhibee kanaa baakteeriyaa ykn ameebaadha.  

Gochoota Ykn waantota dhibee garaa kaasaaf daa’immaan saaxilan 

Garaa Kaasaa Daa'immanii
  • Hanga ji’a ja’aatti harma haadhaa qofa hoosisuu dhiisuudha. Aannaan harma haadhaa waanta farra baakteriya ta’e uumamaan of keessaa qaba. Kanaaf daa’imaan hanga ji’a ja’aatti aannaan qofa hin hoone carraa isaan dhibee garaa kaasaa qabaatan olka’aa ta’a jechuudha.  
  • Kan biraan ammoo ji’a ja’a booda nyaata dabalataa waliin harma hoosisuu dhiisuudha. Erguma nyaata dabalataa eegalaniiyyuu ji’a ja’aa hanga waggaa lamaatti harma hoosisuu dhiisuun daa’imman akka isaan dhibee garaa kaasaaf saaxilaman taasisa jechuudha.  
  • Talaallii hin fudhatin hafuudha. Talaallii keessatti kanneen akka daa’imman akka garaa kaasaa hon godhanne taasisan akka biyya keenyaatti daa’imman hundaaf kennamaa jira yoo hin fudhatin hafan daa’imman dhibee garaa kaasaa akka godhatan taasisa jechuudha.  
  • Xuuxxoo hoosisuu- xuuxxoo hoosisuun daa’imman akka dhibee garaa kaasaa godhatan taasisa jechuudha.  
  • Nyaata qophaa’ee yeroo dheeraa tures daa’imman nyaachisuu dhibee garaa kaasaadhaan qabaman isaan saaxila ykn taasisa jechuudha. Kanaafuu xuuxxoo kennufii dhiisnee daa’imman yeroo aannan dhugsiisnu shiinii fayyadamuudha. Siinii amma ammaa qulqulleessuudhaan fayyadamuu ykn waanta daa’imman dhugsiisnu xuuxxoo kennuu keenyarra siiniidhaan ykn burcuqqoodhaan kennuufiitu murteessaadha. Nyaata qophaa’ee yeroo dheera ture nyaachisuu akkasuma aannaan daakuu bulbullee erga turee booda dhugsiisuun daa’imman akka garaa kaasaadhaaf saaxilaman taasisa jechuudha.  
  • Nyaata daa’immanii qopheessuu fi qabuun dursa harka dhiqachuu dhiisuu –daa’imman umurii sanatti ittisoon qaama isaanii cimaa waan hin taaneef hangi baakteriyaa ykn vaayirasii garaa kaasaatti fida. Harka sirriitti osoo daa’immaniif nyaata hin qopheessin ykn nyaata afaan hin kaa’in dursa harka saamuudhaan dhiqachuu dhiisuun daa’imman akka isaan dhibee garaa kaasaadhaaf saaxilaman taasisa.  
  • Inni kan biraani mana fincaanii qulqullinaan fayyadamuu dhabuudha. Mana ficanii qulqullinaan fayyadamuu akkasuma mana fincaanii booda saamudhaan harka dhiqachuudha.  
  • Hanqina ykn hir’ina nyaataa qabaachuudha. Daa’imman hir’ina nyaataa qaban dhibee adda addaatiif saaxilamoodha. Isaan keessaa tokko garaa kaasaadha. Hanqina nyaataa qabaachuun ittisoon qaamaa akka gadi bu’u taasisa jechuudha. Daa’imman hanqina nyaataa qaban baayinaan dandeettiin qaama isaani dhibee ofirraa ittisuu ykn ittisoon qaama isaanii gadi bu’aadha dhibee garaa kaasaa ykn dhibee birootiif saaxilamoodha. Kanaaf daa’imman akka hanqina nyaataa hin qabaanne taasisuun barbaachisaadha.  

Dhibeen kun akka mul’ateen hanga ogeessa fayyaa bira geessinutti dhangala’aa qaama keessaa ba’u bakka buusuudhaaf ORS bitnee bishaan qulqulluudhaan bulbullee kennuufii qabna. Daa’immaniin kan miidhe dhibee garaa kaasaa sana osoo hin taanee sababa dhibee garaa kaasaa sanaan kan dhufu hanqina bishaan qaama keessaati dhibeen sun sababa haata’uyyuu malee kan maatiin beekuu qaban kan daa’imman miidhu dhangala’aa qaama isaani keessaa ba’uudha.

Amma ammaa garaa kaasaa, sirnaan bishaan hin dhugani, harma hin hodhani, kunimmoo dhangala’an qaama isaanii keessa akka dhumu taasisa jechuudha. Iji isaanii keessa sesseenaa, fincaan hin hir’ata kanaaf akka mallatooleen daa’immaan irratti argamaniin buufata fayyaa ykn mana kuusaa qorichaa naannoo keenya jiru deemnee ORS bitnee bishaan qulqulluudhaan kennuufii qabna. Garuu daa’imman garaa kaasaa qabuuf dhanagla’aa qaama keessaa ba’u bakka buusuudhaaf bishaan qulqulluu dhugsiisanii bakka buusuun sirrii akka hin taane hubachuhu qabna inumaayyuu dhibee biraatiif isaan saaxila ORS yoo fayyadamneen ala.  

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

error: Content is protected !!