Infeekshinii Tuubboo Fincanii 

0
Infeekshinii Tuubboo Fincanii 

Infekshinii tuubboo fincaanii gaafa jennu jalqaba irratti waantotni nuti hubachuu qabnu sirna qaamaa keenyaadha. Ujummoon fincaanii kaleen lamatu jira. Kalee lamman kana irraatii ujummoon fincaanii kalee lammaan kana irraatii gadi buusee gara naannoo hafuuffee fincaaniitti kan geessan jiru. Hafuuffee fincaanii erga galani booda fincaan afuuffee fincaaniitti erga kuufameetii gara bakkeetti kan inni bahummoo tuubboo ykn ujummoon kan biraa afuuffee fincaanii irraa gadi baasu ammoo yuuretiraa kan jedhamu jira jechuudhaa.

Kanaafuu infekshiniin karaa kana irratti uumaman kalee irrattis haa ta’u yuureetar ujummoo fincaanii kaleetii gara afuuffee fincaaniitti gadi geessuus haata’u isaaniitii alattis gara bakkeetti kan geessu tuubboo yuuretaraa jedhamu irrattis kan uumaman yoo ta’e infekshiniin achirratti karaa kana irratti uumamani hundumtuu infkeshinii ujummoo fincaaniiti kan nuti jennu.

Infekshinii ujummoo fincaanii ka’uuf sababa kan ta’an waantota adda addaati. Baaayinaan infekshiniin karaa bakkeetiin qaamni saalaa keessumaa dubartoota irratti ykn shamarran irratti bakki sagaraan bahuu fi bakki fincaan bahu qaawwi lammanuu baay’ee walitti dhiyoo gatii ta’eef baakteriyaan salphaatti orgaanisimoonni adda addaa bakka sagaraan bahu irraa gara tuubboo fincaanii ykn ujummoo fincaaniitti galuudhaan sana booda afuuffee fincaanii seenuudhaan infekshiniin akka inni uumamu godhu.

Baakteriyaan baayinaan kana godhu sheeriishaakolaay jedhama baakteriyaan kun baayinaan sagaraa keessatti kan argamu yammuu ta’u salphaatti achi’ol seenee dhaqee qaama afuuffee fincaaniitti dhaqee maxxana jechuudha yeroo qaama afuuffee fincaaniitti maxxanu inflammation adda addaa akka inni uumamu gochuudhaan infekshiniin akka inni afuuffee fincaanii keessatti uumamu godha. Kanaanis namni tokko akka inni infekshini afuuffee fincaanii godhatu godha jechuudha.

Kan biraan dhiiganis, kana jechuun namni tokko infekshini qaama isaa keessatti qaba yoo ta’e infekshinii hamaa kan tiruu ta’uu danda’a kan onnee ta’uu danda’a kan garaacha keessa ta’uu danda’a infekshiniin kuni sadarkaa olaanaa irra gaafa gahu dhiiga keessatiin baakteeriyaan dhaqanii sakatta’uudhaan gara naannoo kaleettillee yeroo manca’an infekshiniin kalee akka inni uumamu gochuuf danda’u, inni biraan naannoo kalee sirnqa qaamotaa jiran mar’umaan furdaa ta’uu danda’aa achirraattii infekshiniin naannoo sana jiranillee gara kaleetti yoo deeman salphaatti akka namni tokko infekshinii kalee ykn ujummoo fincaanii uumamu godha garuu baayinaan dhibbantaa baayee kan qabatu sagaraa irraatii baakteriya dhufu irraatii olbahuudhaan namni tokko akka inni infekshinii ujummoo fincaanii godhatu godha.

Mallattoolee Ujummoo Fincaanii

Mallattooleen infekshinii ujummoo fincaanii kunii tokkoffaan namni tokko fincaan isaan gubuu, fincaan dafee dafee dhufu, dafee dafee dhufuun kuni hamma fincaanillee qabachuu dadhabanitti ta’uu danda’a, bifti fincaanii isaanii jijjiiiramuudhaan inni gara diimachuutti ta’uu danda’a gara bicaa ta’uu danda’aa garuu hamma foolii fiduttillee ta’uu danda’a kun gaafa ta’u mallattoo infekshinii ujummoo fincaaniiti.

Kan biraan handhuuraa gaditti dhukkubbii yeroo namoonni qaban kunis mallattoo infekshinii ujummoo fincaanii ta’a. Mudhii keenyaan kara lachuutiin bakka kaleen keenya argamu irratti yeroo dhukkubbiin jiraatu mudhii kanaan dhukkubbiin gaafa gadi faca’u namootni akka isaan infekshnii ujummoo fincaanii qaban agarsiisa. Kana irra darbee yoo sadarkan isaa olaanaa ta’aa adeema ta’e namni tokko qaama gubaa qabaachuu ni jiraata, mata dhukkubbiin nii jiraata, qorra qorra jechuun isaan irratti nii jiraata, hamma qaami isaanii dhikkifatutti ta’uu danda’a mataa dhukkubbii kun kun gaafa irra gahullee namootni mallattoo kun irratti argamu infekshinii ujummoo fincaanii akka inni qabu nama hubachiisa jechuudha. Kanaaf mallattooleen kun isaan irratti mul’atnaan gara mana yaalaa deemuun isaan irraatii eegama jechuudhaa.

Sababoota Ujummoo Fincaanii

Infekshinii ujummoo fincaaniif kan nama saaxilan baayinaan infekshinii ujummoo fincaanii dhiiraa fi durba irratti gaafa dhibbantaa isaa ilaallu kan durba irratti argamu harka afur (4) kan dhiiraa caalaadha. Sababiin isaa kunis maaliifiidhaa dubartoota ykn shamarran irratti tuubboon fincaanii kani afuuffee fincaaniitii gara bakkeetti baasu sun gabaabaadha akkasumas qaawwaan fincaan itti finca’anii fi qaawwan sagaraa ittti bahamu walitti baayee dhiyoo gadii ta’eef baakteriyaan salphaatti akka inni ol seenu gochisiisuu danda’a kana kanaan wal quunnamtii boodallee amala dafanii qaama dhiqachuu ykn naannoo qaama saalaa dhiqachuu dhabuu irraan kan ka’e infekshiniin ujummo fincaanii akka dhufu ta’uu danda’a. Ijoollee irratti kan inni hammaachuu danda’u dhalootaan ykn uumamaani haalli uumama kalee yoo sirrii ta’uudhaa baate haalli uumama ujummoo fincaanii sirrii miti yoo ta’e infekshinii ujummoo fincaaniitiif nama saaxiluu danda’a kana irratti dabalata ammoo namoota dhibee sukkaaraa qaban, namoota kaanserii adda addaatiin saaxilamanii jiran umuriin isaanii kan deemee jiru namoota kaleen isaanii ykn afuuffee fincaanii keessatti cirrechi yeroo uumamu kunis infekshinii ujummoo fincaaniitiif nama saaxiluu danda’a.

Infekshiniin ujummoo fincaanii yeroo hedduu dubartootatti baay’ata kunis malli isaa ykn furmaanni isaa maal akka ta’e yammuu kaasnu kuni egaa deddeebi’anii infkeshiniin ujummoo fincaanii kun mul’achuun kunis ji’a ja’a keessatti yeroo lama ykn wagga tokko keessatti al-sadii infekshiniin ujummoo fincaanii yaalii godhameen argame ykn culture guddifamee baakteriyaan guddifame ujummoo fincaanii keessatti yoo argame nama tokko deddeebi’amee kan nama quunnamuu danda’u infkeshinii ujummoo fincaaniitiif saaxilameera jechuudha.

Kun egaan maaliif shamarran ykn dubartoota irratti baayinaan argama yeroo iennu tokkoffan sirna qaama uumama isaaniitibakka sagaraan bahuu fi bakka fincaan bahu walitti dhiyaachun isaan kuni salphaatti baakteriyaan akka isaan ol deeman gochuu danda’a, xiqqaachuun ykn ammoo ujummoon fincaani kan afuuffee fincaaniitii gara bakkeetti bahu sun baayee gabaabaa ta’uun isaa sun baakteriyaan salphaatti akka inni afuuffee fincaanii galu godha jechuudha amaloota adda addaallee ta’uu danda’a quunnamtii booda amala dafanii qaama dhiqachuu dhiisuu kun kun infkeshinii ujummoo fincaaniif akka inni nama saaxilu godha.

Kan biraanimmo Hotel illee ta’uu danda’a steam adda addaa jaakuuzii kan jedhaman kana kana keessatti wal faana yammuu fayyadaman ykn baasii taa’anii keessatti dhiqatan sana keessatti baakteriyaan salphaatti akka inni ol seenu gochuudhaan infekshiniin kun deddeebi’ee akka inni uumamu isaan gochisiisuu danda’a.

Yaaluu Infekshinii Ujummoo Fincaanii

Yaaliin infekshinii ujummoo fincaanii jalqaba akkamittiin akka nuti dhukkuba sana bira ga’uu baruutu nurra jiraata yaaliin kunis fincaan irratti kan nuti yaalii goonu irraati culture dhaan ykn baakteriyaa sana guddisanii ilaaluudhaani ykn laaboraatoorii irratti sakatta’iinsa fincaaniitiin gochuudhaanis adda baasuun nii danda’ama. Kana kanaan yoo adda baafamee infekshiniin ujummoo fincaanii jiru yoo barame sadarkaan irra jiru murteessadha. Yoo sadarkaan isaa isa gadi aanaa ta’e kiniiniidhan kan kennamu salphaatti guyyaa 7-10 kan kennamun namni tokko yaalii kana argachuu danda’a yoo garuu sadarkaan isaa baay’e olka’aa ta’e infekshiniin isaa hamma kan kaleetti ka’e ykn umuriin isaanii kan baay’ee olka’aa ta’e dhibee sukkaaraa kan qaban yoo ta’e dhukkuba dandamachuu kan hin dandeenye yoo ta’an ciisani akka isaan ilaalamanii fi kara marfee ykn hidda dhiigaatiin kennamuudhaan qorichaan yaalamuutu isaan irraa eegama.

Ofirraa ittisuuf baayinaan bishaan dhuguudha. Bishaan amma dhugneen baakteriyaa qaama keenya keessa jiran dhiqamanii kara fincaaniitiin akka isaan bahan gochisiisna. Fincaan dafanii dafanii fincaa’uu kunis utuu fincaan hin qabatin turuun  gargaarsa godha jechuudha. Yoo fincaan qabamnee yeroo dheeraa turre baakteriyaan ujummoo fincaanii keessa taa’uudhaan wal horaa deemu. Yeroo wal horaa deeman dhaqanii afuuffee fincaaniitti maxxanu infkeshniniin dafee akka inni uumamu godha.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

error: Content is protected !!