Kalee Namaa Maaltu Hojiin Ala Godha?
Yeroo hedduu namni tokko kaleen isaa dadhabeera yeroo jedhamu baay’ee dhageenya. Yeroo hedduu abaluun kaleen isaa dadhabee, fail ta’ee fi kkf karaa adada addaatiin nii dhageenya miidiyaalee hawaasaa dabalatee. Keessumaa ammoo yeroo ammaa kana haalli jireenya namoota baay’ee jijjiiramaa waan deemeef namoota kaleen isaanii dadhabe yeroodhaa yerootti kallattii adda addaatiin nii dhageenya keessumaa kanneen akka kalee baqaqsanii yaaluu, jijjiirraan kale godhamuu fi kkf yeroo hedduu nii dhageenya. Waantotni kalee keenya kuffisuu danda’an keessaa tokko cirrecha kaleeti.
Cirrecha kalee yammuu jennu akka salphaatti ilaalla. Waantota nuti guyyaadhaa guyyaatti goonu, mana keenya keessattis haala jireenya keenya, nyaata keenyas ta’uu danda’a haala dhugaatii keenyaas ta’uu danda’a isaan kun cirreecha kaleef nu saaxiluu danda’a.
Haata’u malee mallattoon isaa maali? Akkamittis ofirratti beeku dandeenya? Eessas deemuu qabna, yeroo akkamii mana yaalaa deemuus qabna?
Akkuma beekamu cirrecha kalee dhibee kale baratamaadha yeroo hedduu namootni keenya gaafa kalee dhukkubsatan yeroo gaafataman an bishaan qulqulluun dhuga, An bishaan highland qulqulluun dhuga cirrecha hin qabu kan jedhan jiru. Akkas miti waantota nuti guyyaadhaa guyyaatti goonu, waantota nuti nyaannu, akkaataan jireenya keenyaallee cirrecha kaleef nu saaxilan hedduutu jiru.
Waantota cirrecha kaleedhaaf nu saaxilan kan guyyaa guyyaatti boonu garuu ofirraa dhorkuu dandeenyu maalfaadha? Jalqaba irratti bishaan baay’ee ta’an dhuguu dhiisuudha. Baay’een keenya yeroo dheebonnu qofa bishaan dhugna waqtii gannaammoo yeroo diilallaa na dheebossa hin jiru jennee bishaan hin dhugnu guyyaa lama sadii turree kan bishaan dhuganis jiru.
Yeroo hedduu bishaan gaafa dhugnu kaleen keenya nii qulqullaa’a, waantotni xuraa’oon gara alaatti bahuudhaan nii qulqullaa’u. Namni tokko bishaan ga’aa hin dhugu taanan keemikaalonni xuraa’oo kunneen hin ba’an,isaan kunis walitti qabamuudhaan cirrecha kaleedhaaf nama saaxilu. Kanaaf yeroo hundumaa bishaan ga’aa dhuguun baay’ee barbaachisaadha. Namootni naanno ho’aa jiraatan yeroo hedduu carraa isaan cirreecha kaleef qaban saaxilamoodha. Kanaaf bishaan ga’aa dhuguun dirqama.
Inni biraan cirreecha kaleef nu saaxilan nyaata soogiddi itti baay’ate nyaachuudha. Baay’ee namoota mana tokkoo gara mana nama kan biraa yoo ilaaltan haalli itti fayyadama soogiddaa baay’ee garaagara. Namootni tokko tokko soogiddi nyaata keessaa yoo gube ykn baay’ee yoo minyaa’e malee kan itti hin tolle hedduun jiru.
Soogidda baayinaan nyaachuun cirrecha kaleedhaaf nu saaxila. Kanaaf nyaata keessan keessatti baayina soogiddaa hir’isuun barbaachisaadha. kana qofa miti soogidda nyaachuun kun ammallee dhiibbaaf dhiigaafillee nama saaxila. Dhiibbaa dhiigaafis saaxilamnee jennan alkallattiidhaan cirrecha kaleefis saaxilamne jechuudha. Kanaaf hamma soogidda nyaata keessan keessa jiru hir’isuun baayee barbaachisaadha.
Inni kan biraan nyaatumaan wal qabatee ammas nyaata pirootiinii hedduu of keessaa qaban nyaachuudha. Kanneen akka foonii yeroo hundumaa nyaachuun asiidiin fincaanii akka hir’atu godha ykn low PH akka qabaatu godha. Yeroo kana maal ta’a jechuudhaa cirrecha kaleedhaaf akka saaxilamnu nu godha jechuudhaa.
Cirrechi kalee kan asiidawaa ta’an jiru waan ta’eef jechuudha. Kanaaf hir’isuunillee gaariidha. Gosa nyaata keessaa kanneen akka hundee diimaa, lawuzii fi kkf dabalatee dhibee kanaaf kan nu saaxilaniidha. Akkasuma dhugaatiwwan bottled ta’an kanneen akka Coca-cola, pepsi, heddumminaan dhuguunillee hedduu nu fayyada. Kanaaf nyaatawwan amma jenne kanaa fi dhugaatiiwwan kanneen baay’ee hir’isuun furmaata.
Inni kan biraanii fi inni guddaan tokko ulfaatina qaamaa garmalee cirrecha kaleedhaaf nu saaxiluu danda’a. Kanaaf ulfaatina keenya hir’suun baayee barbaachisaadha. kana gochuuf ammoo haala nyaata keenya too’achuu, sochii qaamaa gochuudhaan ulfaatina qaama keenya hir’isuun murteessaadha. Cholesterol qaama keenya keessa waan baay’atuuf cirrecha kaleedhaaf nu saaxiluu danda’a jechuudhaa.
Kan biraa dhiibbaa dhiigaa too’atamuu dadhabe. Dhiibbaa dhiigaa yeroodhaa yerootti ilaalamuun murteessaa fi baay’ee barbaachisaadha. Namootni hedduun erga mataan isaan hedduu dhukkubee, sadarkaa hamaa irraan isaan ga’e booda gara mana yaalaa deemu. Kanaaf dhiibbaa dhiigaa fi dhibeen sukkaaraa illee cirrecha kaleef nu saaxiluu danda’a. Maatii keessan keessaa namni kanaan shakkamu yoo jiraata yoo jiraata yeroodhaan akka ilaalamu gochuudha.
Inni kan biraan qorichoota adda addaa gorsaa fi ajaja ogeessa fayyaa malee fudhachuun dhibee kanaaf nu saaxila. Qorichoota kamiinuu ajaja ogeessa fayyaadhaan fudhachuu wayya. Cirrechi kalee nama sadii keessaa nama tokko irratti nii mul’ata, kunis yeroo hedduu ultrasound ka’aniiti kan argaman.
Mallattoon cirrecha kalee yeroo hedduu dhukkubbii mudhii gidduu kan hanga naannoo qaama saalaatti dhukkubu dubartootas dhiiras dhukkubbii hamaatu isinitti dhaga’ama yoo ta’e akkasumas cirrechi kalee fincaan akka hin baane cufuu danda’a; iddoon itti cufamu bakka sadiitti tokkoffaani yeroo kalee keessaa ba’u bakka kaleetti, bakka itti ujummoon fincaanii fi ujummoon dhiigaa itti wal quunnamanii fi bakka itti afuuffeen fincaanii fi ujummoon kaleerraa gara fincaanii geessu achittillee wal xuquu danda’a jechuudhaa. Bakka kanatti cufamuu danda’a bakki kun bakka dhiphaa waan ta’eef jechuudhaa. Yeroo kana fincaan walitti qabamee baakteeriyaan achitti wal horuu danda’a kunis infection fincaaniif nama saaxiluu danda’a. Kanaaf mallattoolee kanneen akka fincaan kalee nama fincaasisuu, fincaan nama gubuu, fi kkf mallattoolee isaati jechuudha.
Darbee darbees nama balaqqamsiisuu danda’a. Infection qabaannaan hoo’ina qaamaallee qabaachuu danda’a jechuudha. Fincaan kuufamee kuufamee gara kaleettillee ol deebi’uu danda’a. Fincaanni xuraawan kaleessaa ba’e xuraa’adha jedhee kan kaleen gadi dhiise gara kaleetti ol deemee ol deemee kalee keessa guutee kaleen guutamee kaleen akka fail ta’u gochuuf danda’a jechuudhaa. Akkasuma ammoo akka inni dhiita’u gochuuf danda’a jechuudhaa.
Seeliin dhiiga diimaa fakkeenyaaf hormoonii seelii dhiigaa oomishu kun kaleerraa oomisha, akkasumas ammoo waantotni xurawaan kaleen dhimbiibee gara alaatti dhamabsiisu waantotni kun miidhaa sammuun keenya irra, miidhaa ija keenya irra, onnee keenya irra qaama keenya guutummaa irra geesisuu danda’u jechuudha. Kanaafi namni tokko kaleen isaa fail ta’ee jennaan baay’ee rakkisaadha.
Waantota kana irraa of eeggachuun barbaachisaadha. Dhibeewwan kanaan osoo hin saaxilaman dursa duraan dursinee waantota kana irraa of eeggachuun baay’ee barbaachisaadha. Yeroo baay’ee haga baatii ykn guyyaa 40tti ba’uu danda’a bishaan sirriitti dhugnaan jechuudha. Kanaafidha bishan dugaa yeroo jedhamu akka inni dafee flash godhee dhimbiibee baasu gochuufiidha. Namootni hedduun isaanii cirrrecha kana baatanii kan dhufan jiru. Size isaa guddaadha taanan yaalii baqaqsanii baasuutti nama geessa. Yaalii baqaqsanii yaaluu malee akka inni hurraa’ee bahu kan goonu jira.
Kunis maashinii of danda’a dhibeedhuma kanaaf kan hojjetamu nii jira jechuudha. Kanaafi kana hundumaa irraa dursaan dursinee of eeggannoo gochuudhaan, mallattoo isaa yoo of irratti argitan yeroodhaan gara mana yaalaa deemuudha. Kalee jechuun salphaa miti, kalee keenya eeggachuun baayee barbaachisaadha.
Mana yaalaa naannoo keenya jiru yeroodhan deemuudhaan ilaalamuu, dhukkuba nutti dhaga’amee bubbuluu hin qabnu battala mallattoolee dhukkuba kanneen olii kana ofirratti argineen gara buufata fayyaa deemuu qabna jechuudhaa. Namani kamillee kan gorfamu kanaadha, maatii keessan keessaa akkasuma firoota hiriyoota keessan hundumaaf dursa of eeggannoo kana dabarsuudha yoo hin taane dhukkuba kanaaf salphaatti saaxilamuudha .