Friday, June 21, 2024
Health Products

Jeeqamuu Marsaa Laguu Dubartootaa

Marsaan laguu yeroo baay’ee shamarran irratti wagga 12 tii hanga wagaa 15 gidduutti kan inni mul’achuu danda’u. Waggaa 12 gadittis yeroo inni itti mul’atu jira.Garuu marsaan laguu tokko sirriidha kan jennu haga uumamaan eyyamame haga fayyaa ishee hin miine keessa jira. Inni kan biraan hagam hagamiin dhufa kan jennuuniidha. Dubartoota irratti guyyaa 28, 28tiin deebi’ee dhufa. Dubartoota biro irratti ammoo guyyaa 28 irratti guyyaa 7 dabarsee haga guyyaa 35 dhufa darbeemmoo guyyaa 28 irratti guyyaa 7 hanqinsee guyyaa torba dursee dhufu danda’a. Kanaaf guyyaa 21-35 gidduu kan jiru isa sirriidha jechuudhaa.

Inni kan biraani baay’ina isaati. Volume isa jennu normal isaa 10ml hanga 80ml gidduudha yeroo tokko tokko kanarra darbuu hin danda’a.  Akkaataan kana itti lakkaa’uu dandeenyu isa kana tilmaamumaan dubartootni yeroo sa’atii tokko hanga sa’atii 2 gidduutti modesi ykn waan qulqullina fayyadaman sana yeroo lamaa ol yoo jijjiiran yookaan hirriba keessaa ka’anii akka isaan jijjiirratan yoo godhe inni kun haga barbaachisu oliidha. Sirriidha normal kan jennu 10ml hanga 80ml gidduu kan jiruudha. Yeroo hedduu garuu shamarran tokko moodesii yoo jijjiirratte akkasuma hirriba keessaa ka’anii sababa baay’ee dhangala’uu irraa kan ka’e yoo jijjiirratan kun isa sirrii miti.

Inni kan biraan turtii yeroo marsaa laguuti. Marsaan laguu tokko dubartii tokko irra hagam ture kan jedhu ilaalla jedhuudha. Inni sirriin guyyaa 1-8 kan turuudha. Garuu guyyaa 8 irra nii darba yoo ta’e dogoggorri guddaan nii jira jechuudha waanti ta’e jeeqamee jira ogeessa fayyaatiin ilaalamuu qabu kana yeroo jennutti dubartiin tokko laguun itti dhufu akka jalqabeen yeroo hedduu bakka adda addaatti kan in dhiqatama jedhamu yaadonno akkasii kan kaafamus nii jira. Egaa marsaan yeroo laguu kan turu guyyaa tokkoo hanga guyyaa 8 kan turu kun isa sirrii (Normal) dha.   

Inni kan biraan yeroo baay’ee halluu isaa irratti kan hundaa’e dha. Kana irratti shamarran sirriitti nii beeku diimas miti akka gurraachaati yeroo hedduu garuu diimaa qal’aan kan dubartoota keessaa dhangala’u yoo ta’e  kun qaama wal hormaataa ykn gamadeessa waliin rakkoon nii jira jechuudha. Kan beeku qabnu yeroo hedduu dhiigni gamadeessa keessaa dhangala’u kun dhiiga ititaa miti.

Marsaan laguu inni uumamaa dubartoota irratti miirri dhukkubbii irratti mul’achuu nii danda’a garuu yeroo hedduu dhukkubni hamaa ta’e isaan irratti nii argama yoo ta’e handhuura isaanii gadi irrattidha kan mul’atu dhukkubbiin hamaa dadhabsiisaa ta’e yoo irratti nii argama ta’e kunis sababoota adda addaatiin irratti argamuu nii danda’a kunis ammoo marsaan laguu dubartoota tokkoo jeeqameera nii jechisiisa. Dhukkubbiin yeroo marsaa laguu wagga lamaan jalqaba dhaabbataa (common) dha. Dhukkubbiin kun sababa enzaayimiidha, kunis ammoo sirrii miti jechuu hin dandeenyu kanaaf sodaa hin qabu.

Kan biraani marsaan laguu tokko jeeqameera kan jennu yoo maal ta’eedha kan jennu yoo guyyaa 35 ol irra darbee nii dhufa ta’e ykn ammoo guyyaa jalqaba itti dhufe irraa lakkooftee guyyaa 21 asitti yoo itti dhufe kun dogoggora jechuudhaan jeeqamee jira jenna  Ykn marsaan laguu tokko dhufee fakkeenyaaf marsaan laguu tokko har’a dhufee guyyaa 8 irra darbeera taanan dogoggora jechuudhaa.

Yeroo hedduu shamarran tokko marsaan laguu utuu itti hin dhufin ji’a tokko ykn ji’a lamaaf turuu danda’u kan ji’a ja’a turanis jiraachuu malu. Kunis sababa adda addaatiin dhufu danda’a. Haga awaggaa tokkoo wagga lamaallee kan tahu inni kuni sababni isaa sababa adda addaati. Dubartoota reefuu umuriin isaanii gara marsaa laguutti seenuu irra jiru yoo tahe qaama wal hormaataa isaanii keessa rakkoon jiraachuu mala isa ilaalamuu danda’uun Kan biraanimmoo harma hoosisuu, ulfaa, fi kkf dha. Hafuun marsaa laguu sababa garaagaraa ta’uu danda’a.

Marsaan laguu tokko jiraachuudhaafi hormooniwan sammu keenyaatii fi qaama wal hormaataa keenya gidduu jiran irraa kan gadi dhiifama jira.kanaaf waantotni hormoonii kana jeeqan yoo jiraatan laguulleee hambisuu nii danda’a akkasuma hamma isaas baayisuu danda’a. Marsaa laguu kan jeequu danda’an akkuma olitti ibsuuf yaalle daawwaa ykn qorichootni adda addaa jeequu danda’u, dhukkuboonni adda addaa kan akka dhukkuba onnee, dhukkuba kalee dhukkuba tiruu, fi kkf isaan kunillee marsaa laguu jeequu nii danda’u dhiigni keenyallee utuu qaama hormaataa fayyaa ta’ee jiruu rakkoon dhiigaa itituu dhabuu, fi kkf marsaa laguu kana jeequu danda’u.

Qaama wal hormaata dubartootaa waliin wal qabatee marsaa laguu kan jeequ qaama wal hormaataa dubartoota kan ala jiru irraa eegalee hamma gadameessaa fi haga ujummoo gamadeessaa keessa rakkoon yoo jiraatani marsaan laguu kuni jeeqamuu danda’a.  Kan biraanimmo kaanseriwwan garaagaraa kaanserii gadameessaa fiixee gadameessaa ta’uu danda’aa qaama hormaataa kan alaa illee ta’uu danda’a isaan kunillee amala marsaa laguu dubartootaa sana jeequu nii danda’u

Kan biraanimmoo jeeqamuu marsaa laguu dubartootaa kan fidu ulfaa waliin wal qabateeti. Dubartootni tokko tokko ulfa ta’uu isaanii osoo hin beekin ulfi sun sababa garaagaraatiin gara bahuutti gaafa bahu jechuudha ykn ammoo hanqaaquun dhiiraa fi dhalaa karaa hin barbaachisneen wal quunnamanii kan mucaa guddatu hin uumin yeroo karaatti hafani inni kunis bifa dhiigaatiin yeroo bahu kunillee dubartootatti marsaa laguu itti fakkaachuu danda’a. Yeroo baay’ee ulfi sababa garaagaraatiin baha. Garuu ammoo dhiigni diimaan yammuu dhangala’utti ykn ammoo waanti akka tiruu fooniifaa yammuu ciccitee bahutti mana yaalaa deemamuu qaba.

Haata’u malee akkamittiin manage gochuun danda’ama? Namni tokko yoo maal ta’eedha kan mana yaalaa deemuu qabu kan jedhu yaada bal’aa asirratti ilaaluu dandeenya. Wal’aansa dhibee kanaa karaalee adda addaatiin wal’aansa argachuu nii dandeenya. Gara wal’aansaa kana deemuun dursa garuu jeequmsi marsaa laguu kanaa maali jennee baruudha erga barree booda ammoo tokkoon tokkoon isaanii mala ittiin wal’aanaman adda baasuudha kan qorichaan wal’aanaman nii jiru, akkasuma amala keenya fooyyessuudhaan akkasuma gara baqaqsanii yaaluudhaanillee nii jiru. Filannoon jalqaba garuu ogeessa fayyaa dubbisuudha. Dubartootni qoricha fudhatan kan gadameessa galchanis ta’e kan injection ta’es hunduu marsaa laguu jeequu danda’a. Akkasuma dhukkubni biraa keessa keenya jiruuf qorichoota adda addaa gaafa fayyadamnu sababa jeeqamuu marsaa laguu ta’uu danda’a.

Marsaan laguu jeeqamuun dhaabbataadha (common) dha baayinaan jira. Sababa baayee namoota hedduu irratti mul’atuuf namootni hedduun nii raafamu, kunis ta’uu hin qabu haga danda’ametti ofii keenya of yaaluu hamma dandeeyutti of yaaluudha yoo haalli kunis kan jabaatu ta’emmoo gara mana yaalaa deemuu akka qabnuudha. Hamma danda’ametti hirriba ga’aa rafuu, dhiphina ofirraa ittisuu, nyaatallee ga’aa nyaachuu akka qabnu qorannoowwan adda addaa ofii gochuu gochuu qabna.

Egaa walumaa galatti normally yeroo marsaan laguu dhufu dhukkubbii salphaan garaa isaanii gara gadii kanatti dhufa garuu kana irra darbee dhukkubbii baayee hamaan boqonnaa dhowwatu yoo jiraate kunis sababa adda addaatiin dhufu nii danda’a  kana qofa miti rakkoowwan adda addaa qaama wal hormaataan wal qabatee dhufu danda’an nii jiru.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

error: Content is protected !!