Wednesday, June 19, 2024
Health News

Mataa Dhukkubbii

Dhukkubni kun hawaasa keessatti jechoota adda addaatiin beekama, isaanis mataa dhukkubii, mataa cabsaa, boowuu fi kkf dha. Waggaa tokko keessatti hawaasni yoo xiqqaate mata dhukkubbiidhaan dhibbantaa 50% mataa dhukkubbiidhaan nii saaxilama. Namni kamiyyuummoo bara jireenya isaa keessatti bara jiraatu umurii isaa keessatti mata dhukkubbii hin godhatin hin hafu.

Gosoota Dhukkubbii Mataa

Primary Headache: gosti dhukkuba mataa kuni dhukkuba kan biroo waliin osoo wal hin qabatin ofiidhuma isaatii of danda’ee yoo mataan isa dhukkubeedha. Dhukkuba kan biraan qaama keenya keessa jiru waliin tasa kan wal hin argineedha.

Secondary Headache: Inni kunimmoo dhibee kan biraa qaama keenya keessa jiruun kan wal qabatu ykn hidhata kan qabuudha. Kunis dhibee biraatti hirkatee dhufa. Sababa dhukkuba biraati malee of danda’a miti jechuudha. Furmaanni kanaammoo salphaadha. Dhibee biraa dhibee kana nutti fidu qorachiisuudhaan yaala argachuudha. Yeroo hedduu dhibeewwana kka taayifoodii, qorra, taayifeesii fi kkf dhukkubni mataa gosti kun nutti dhufa.

Gosa Dhukkuba Mataa Of Danda’e

Tension Headache: Gosti dhukkubbii kun salphaadha kan guutummaa mataa keenya dhukkubuu fi haalli dhukkubbii isaa salphaa ta’ee garuu hojii keenya guyyaa guyyaa irraa nu hambisuu hin dandeenyeedha. Dhukkubni kun ka’umsi isaa yeroo hedduu muddamuu, beela’uu, hirriba dhabuu, dheebochuu fi kkf waliin wal qabata. Kanaafis furmaanni isaa salphaadha. Hirriba ga’aa rafuu, sochii qama yeroodhaa yerootti taasisuu, aarii, dhiphina sammuun fi kkf irraa of ittisuudha. Yoo kanan furmaanni isaa dhibemmoo daawwaa kanaaf ta’an fudhachuudhaan dhiisu danda’a. Garuu ji’a ji’aan guyyaa 15 oliif kan nama dhukkubu yoo ta’e ogeessa fayyaa mariisisuu barbaachisa.

Migrain Headache:  Dhukkubni kuni dhukkubbii baay’ee hamaa ta’e kan hojiirraallee nama hambisuu danda’uudha. Gosti dhukkubbii kun kaan irraa adda kan isa taasisu dhibeewwan biro kan akka balaqqamsiisuu, nyaata jibbisiisuu, ifa ilaaluu dadhabuu of biratti qaba. Yeroo tokko tokko dhukkubni kun dhufuun isaa dursa mallattoolee akka ija ofitti ballaqqeessa’uu, sararaawwan zigzaagii ija ofitti mul’achuu fi haasa’uu dadhabuudha akkasuma sagalee namaa jibbisiisuudha. Dhukkubbiin kun sa’atiiwwan muraasaaf tura ofuma isaatiif kan deebi’ee baduudha.

Sababoota Dhukkuba Magrain Headache

Garmalee yaadda’uu ykn dhiphina sammuun yknis muddamuudha

  • Dhugaatii alkoolii
  • Beela’uu fi dheebochuu
  • Baay’ee rafuu ykn hirriba dhabuu
  • Dubratootatti marsaan laguu yoo dhufu
  • Sagalee humnaan ol olka’ee nama jeequ
  • Ifa baayee cimaa ta’e ilaaluu
  • Waan foolii badaa qabu fi kkf

Dhukkuba Kanaaf Furmaanni Maali?

  • Akkuma dhuunfaa keenyatti dhukkuba kana waan nutti kaasu beeknee irraa of eeggachuu/ irraa fagaachuudha
  • Qobaa ofii kutaa ifni keessa hin jirre keessa boqochuu ykn ciisuudha
  • Fooxaadhaan bishaan baay’ee diilallaa’e (Cabbii) xuqnee bakka nu dhukkubu sana qaqqabuudha.
  • Daawwaa kanneen akka ibuprofen, naproxen,aspirin, or acetaminophen fudhachuudha.

Yoo kanaan nama hin dhiisne ta’e ogeessota fayyaatiin kan kennamu daawwaa isaaf ta’u qajeelcha ogeessota fayyaatiin fudhachuudha.

Cluster Headache: Gosti dhukkubbii mataa kunimmoo naannoo ija keenya gam tokko, bitaa ykn mirga qofa kan dhukkubu yoo ta’u gama dhukkubu sanaan ija keenya keessaa bishaan imimmaaniitu ba’a akkasuma funyaan gara sanaan jiru akka ukkaamsu taasisa. Dhukkubbiin kun hamaa fi kanneen armaan olii kan caaluudha. Dhibeekun suuta kan nama jalqabu osoo hin taane akka tasaa akka ibiddaatti kan namarra bu’uudha. Namni tokko utuma deemuu, taa’uus ykn hojii tokko hojjetuu akka tasaa isa mudata.

Guyyaa keessaa sa’atii wal fakkaataatti kan namatti dhufu fi darbee darbee hirriba keessa namatti dhufee hirriba keessaa kan nama kaasuudha. Ka’umsi dhibee kanaa gonkumaa kan hin beekamnee fi amala sanyiidhaan daddarbee dhufuus qaba.  Dhukkuba kana fayyisuun dadhabamus qorichootni dhukkubbii isaa hir’isanii fi daddafee akka namatti hin dhufne taasisan kan kennamaniidha.

Addunyaa irratti dhukkubbiin mataa tokkoffaa ta’e Tension Headache kan jennuudha. Akka addunyaan jedhuttis namoota 20 keessaa namni tokko guyyaadhaa guyyaatti kan saaxilamuudha. Kana jechuun nama 100 keessaa namni 5n dhibee kanaan guyyaa guyyaadhaan nii saaxilama.

Sababiin dhukkuba tension headache kunis kottoonfachuu maashaawwan naannoo lafee mataa keenya haguuganii jiraaniidha. Akkuma beekamu lafee lafee keenya irratti maashawwan maxxananii jiru. Akkasumas bukkee bukkee mataa keenya irratti maashaawwan maxxananii jiru. Maashaa kana irratti aanee gogaan faashaa kan jedhamus nii jira. Itti fufuudhaan rifeensi mataa nii jira.  Kanaaf maashawwan buqqee mataa keenya haguuganii jiran kunneen yammuu isaan kottoonfatan dhukkubbii mataa nutti dhufuudha jechuudhaa. Kunimmoo narviin naannoo sana jiru dhukkubbiin akka nutti dhaga’amu gochuuf danda’a sababiin madaa’uu waan danda’uuf jechuudhaa.

Maashaawwan lafee keenya irratti miidhaa geessisan ykn kottoonfachiisan kan jennu maaliidhaa kan jennu keessumatti yeroo hedduu hojii humnaa jabaafaa hojjechuu, yeroo dheeraa komuter ilaaluu ykn dubbisuu, baayinaan ijoollee yuuniversitii jiran irratti kan mul’atuudha sababa maashaawwan naannoo sana jiran waan kottonfatuuf dhukkubbii mataa kanaaf nu saaxila jechuudhaa.

Namni fayyaalessi tokko bishaan baayinaan dhuguun akka barbaachisu beekamaadha. Sammuun keenyallee bishaan ga’aa hin argatu taanan mataa dhukkubbiidhaaf akka nu saaxilu beekuun barbaachisaadha. Qorichoota cinaan dhukkuba sammuuf nu saaxilan jiru over fayyadamuunillee dhukkuba mataatiif kan nu saaxilan jiru. Akkasuma yeroo wal quunnamtii saalaa illee mataan dhukkubbiif nu saaxiluu danda’a.

Dhukkubbii Mataa Akkamitti Mana Keessatti Of Yaaluu Dandeenyaa?

Mallattooleen kanneen akka hoo’ina qaamaa olaanaa, garmalee nama haqqisiisuu, of nama wallaalchisuu, qaamni nama ollachiisuu,akkasumas ammoo mallatoolee biro kan ofirratti arginu yoo ta’e mana yaalaa deemuun barbaachisaadha. Amalli namaa jijjiiramuu yeroo hedduu namootni kaansarii sammuun qaban amallii isaanii nii jijjiirama. Mataan isaanii baay’ee dhukkubaa, of ajjeesuufaa yaadu, namootni akkasifaa yoo jiraatan dirqama mana yaalaa deemuun barbaachisaadha. Garuu dhukkubbiiwwan sasalphaa ta’an kan mallattoo biro nurratti hin agarsiisne akkamitti of yaaluu dandeenya mana keenyatti?

Bishaan ga’aa dhuguudhaan, kana jechuun bishaan ga’aa dhuguu dhabuun sammuun keenya akka sirriitti hin yaadne godha.mataa dhukkubbiidhaaf akka saaxilamnu taasisa, akkasuma waantota garaa garaatiif nu saaxila. Bishaan ga’aa dhuguu dhiisuun dandeettii yaadu dhiisu keenyaallee nii hir’isa, kanaaf bishaan ga’aa dhuguun barbaachisaadha. Yeroo tokko tokko nii arganna taanan Magnesium fayyadamuudha. Inni biraan alkoolii dhuguu dhiisuu yoo dhuguu dhiisu hin danda’amne ammoo hir’isuudha.

 Namootni alkoolii hin dhugne hedduun isaanii mataa dhukkubbii hin qaban, alkooliin hidda dhiigaa ballisa sana booda mataan akka nama dhukkubuuf nama saaxila jechuudhaa.  Manatti of yaaluu keessaa inni biraan hirriba ga’aa rafuudha. Namootni hirriba sa’a 6 gadi rafanii fi namootni sa’atii dheeraa rafanis lamaanuu dhukkuba mataadhaaf saaxilamoodha. Kana jechuun heddummeessuunis xiqqeessuunis dhibee kanaaf nama saaxila.

Nyaata histamine  qabu heddumminaan fayyadamu dhiisuudha kanneen akka qurxummii waadame, dhadhaa turee fi kkf dha. Inni biraan huccuudhaan bashaan diilallaa’aa keessa keenya naannoo nu dhukkuba sana qaqqabachuudhaan of yaaluu dandeenya jechuudha. Kunimmoo dhukkubbiin nutti dhufu kun dhifamuu hidda dhiigaatiin kan nutti dhufu waan ta’eef yeroo itti qabnu hiddi dhiigaa keenya akka inni kottonfachu gochuudhaan akkasumasimmoo dhaamsi dabarsuu narvii keenya akka inni xiqqaatu gochuudhaan akka mataa dhukkubbii nurraa dhowwu godha jechuudha.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

error: Content is protected !!