Friday, June 21, 2024
Trending

Waantota 7 Rifeensa Mataa Keenyaa Caccabsan

Rifeensi namaa bareedina qaama namaa keessaa isa tokkoodha. Dhiiraafis dhalaafis rifeensi akka bareedinaatti ilaalama. Keessumattuu dhalaadhaaf rifeensi akka bareedinaatti kan ilaalamu baasii gurguddaa itti baasuudhaan rifeensa isaanii laaffisuu, gurraachessuu, halluu isaa jijjiiruu fi kkf akkasumas rifeensa isaanii dheeressuudhaaf shamarran baasii garagaraatiin yeroo saaxilaman nii argina. Dabalataan ijoolleen dhiiraas ammoo rifeensa isaanii molaa’e deebisuudhaaf rifeensa isaanii addaare gurraachessuudhaaf baasii adda addaa yeroo itti baasan nii argina. Namootni hedduun rifensa isaanii yammu filatan nii arca’a.

Harkaan yeroo qaqqabatanis nii harca’a. dabalataan rifeensa namoota hedduu keessaa waanti akka daakuu, daaraa fi kkf nii harca’a.  namootni heddunis rifeensi isaanii forforiidhaan harca’aadha, kana qofa miti rifeensi baay’een halluu isaanii jijjiirratanii diimaa ykn adii kan ta’an hedduudha. Namootni hedduun ammoo rifeensi isaanii kan caccabu, kan molaa’u hedduutu jiru. Guddinni ykn bareeddini rifeensaa shamarraniif baayee murteessaadha. Rifeensi shamarran tokko tokkoo kan hin guddanne akkasumas inni guddate ammoo kan jalaa harca’aa jalaa caccabaa deemu jira.

Egaan rifeensa keenya maaltu caccabsa? Rifeensi keenya akka dafee dhumu maaltu taasisa? Akka dafee harrii baasu, akka molaa’u maaltu taasisa? Akkasumas ammoo rifeensi keenya akka inni nu hoosisu, akka inni waan daaraa fakkaatu harcaasu taasisu maaltu godha? Waantotni kuni waantota osoo nuti hin beekin guyyaadhaa guyyaatti gochaa oolu akkasumas ammoo haala iti fayyadama waantota naannoo keenya jiran irra kan ka’e rifeensi mataa keenyaa yeroo itti miidhamu nii argina. Kanaaf barru kana keessatti qabxiiwwan 7 waantota rifeensa mataa keenyaa miidhan, caccabsam haphisan akkasumas ammoo rifeensa keenya moleessan kan jedhu qabxiiwwan 12 kaasnee kan waliin ilaallu ta’a.

Egaan waantotni rifeensa keenya midhan bareedina rifeensa keenyaa balleessan rifeensi keenya akka isaan haphatan akka isaan dhuman akka isaan gogan keessaa tokko akkaataa itti rifeensa keenya miiccannuudha. Akkuma beekamu qulqullina rifeensa keenyaa eeggachuun baayee barbaachisaadha. rifeensa keenya yeroodhaa yerootti qulqullina isaa eeguun baayee barbaachisaadha.  Garuu rifeensa keenya guyyaa guyyaadhaan kan miiccannu yoo ta’e rifeensi mataa keenyaa akka inni miidhamu gochuuf danda’a. rifeensi keenya yeroo baayinaan miiccamaa deemu dibatni addaa kan rifeensi keenya qabu akka inni dhumu akka keessaa gogu godha jechuudhaa.

Kanaafii rifeensa keenya guyyaa guyyaadhan miiccachuun dibatni rifeensa gurraachessu rifeensi keenya akka inni jiidhinsa qabaatu akka inni dhumu gochuudha. Dabalataanis rifeensa keenya miiccachuu dhiisuun utuu hin miiccatin yeroo dheeraaf turuunis ammoo dhangala’aawwan fufurdaa ykn dibatootni dhangala’aa fufurdaa tokko tokko akkasumas seelonni gogaa du’anii fi rifeensonni caccaban akka isaan qaawwa gogaa rifeensa keenyaa duuchan godha. Qaawwi gogaa rifeensa keenyaa kun yoo duudemmoo rifeensi akka hin guddanne rifeensi akka bocaa gaarii hin qabaanne taasisa.

Kanaaf rifeensa keenya torbanitti yeroo lama ykn yeroo sadii miiccachuu ykn qulqulleeffachuu qabna. Qabxii inni itti aanu haala itti fayyadama shaambuu fi kondiishiraniidha. Baay’een keenya keessattuu shamarran keenya shaambuudhaa fi kondiishinariidhaan rifeensa isaanii miiccatu garuu haalli itti fayyadama shaambuudhaa fi kondiishinarii baay’ee murteessaadha. Akkuma beekamu shaambuun qulqullina rifeensaa caalaa qulqullina gogaa rifeensa keenyaatiif baayee barbaachisaadha. Namni tokko yeroo shaambuudhaan miiccatu ykn shaambuudhaan dhiqatutti waanti uumamu dibatootni fufurdaan gogaa keenya waantotni cufan kun akka isaan gadi dhiisan godha kanaaf yeroo shaambuudhaan miiccannu rifeensa keenya sukkuumuu osoo hin taanee gogaa isaa sukkuumuutu baayee barbaachisaadha.

Rifeensa Mataa Keenyaa

Gogaa sana yammuu sukkuumanii ittiin miiccanii gogaan akka inni qulqullaa’u gochuudhaan qaawwan gogaa rifeensaa keessatti argaman  akka isaan banaman gochuudhaan guddina rifeensa keenyaatiin baayee murteessaadha jechuudhaa. Kanaaf shaambuu yeroo fayyadamtan rifeensa keessan ittiin sukkuumuu osoo hin taanee gogaa keessan ittiin sukkuumuun baayee barbachisaadha. Kana qofas osoo hin taanee kondiishinariidha dhalaanis dhiirris nii fayyadamtu egaa kondiishinariin faallaa kanaan rifeensa keenya qulqulleessuudhaan faayidaa guddaa nii qabaata jechuudhaa. Kanaaf yeroo kondishinarii fayyadamtan gogaa xuqsiisuu caalaa rifeensa keenya ittiin miiccachuutu murteessadha. Kana malees kondishinarii yeroo fayyadamtan daqiiqa lamaa ol mataa keessan irra akka hin tursine gorfama.

Qabxii sadaffaan ilaallu ammoo bishaan hoo’aadhaan rifeensa miiccachuudha. Namootni hedduun bishaan diilallaadhaan qaama ofii miiccachuu hin jaallatan. Akkuma kana shamarroonnis dhiironnis bishaan qabbanaa’a irra bishaan hoo’aadhaan qaama isaanii miiccachuu jaallatu. Bishaan hoo’aadhaan qaama keenya dhiqachuun qaamni keenya akka active ta’u gochuuf danda’a garuu rifeensa mataa keenyaa bishaan hoo’aadhaan yeroodhaa yerootti dhiqattu yoo ta’e rifeensi mataa keenyaa akka inni gogguu fi miidhamu taasisa jechuudhaa. Kanaaf rifeensi akka ini goggoguu fi caccabu gochuufis bareedina rifeensaa irratti miidhaa akka inni qabaatu taasisa jechudha.

Walumaa galatti bishaan hoo’aadhaan rifeensa keenya miiccachuun gaarii miti jechuudhaa. Rifeensa mataa keessanii yeroo qulqulleeffattan bishaan hoo’aadhaan miiccachuu irra bishaan diillallaa’aadhan qulqulleeffachuun baay’ee barbaachisaadha. Akkuma kana bishaan qabbanaa’aadhaan yammuu miiccattan daqiiqa 10-15 caalaa rifeensa keessan miiccachaa turuu hin qabdan. Dabalatan torbanitti akkuma olitti xuqne rifeensa keenya yeroo lama ykn sadii caalaa miiccachuu hin qabnu.

Inni kan biraan qabxii afuraffaa maashiniii rifeensa dafee gogsu itti qabuudhaan akka inni dafee gogu gochuudhaan yeroo hedduu nii argina. Hoo’I maashina kana keessaa bahu gogaan keenya akka goggogu dura inni rifeensa keenyaa bareechu kun akka inni hir’achu gochuudhaan rifeensa keenya miidhuu danda’a jechuduha.  Dirqama yoo ta’e rifeensa mataa keenyaa gogsuun, ariidhaa yoo ta’e rifeensa mataa keenya irraa haga cm 15 fageessitanii ittiin gogfachuun nii gorfama jechuudhaa.

Inni shanaffaan akkaataa itti rifeensa keenya filannuudha. Yeroo hedduu rifeensi warra Afrikaanotaa qiciicaadha, akkasuma jajal’aadha. Yeroo hedduu namootni rifeensi isaanii akka inni wal qixxaatuu fi akka inni bareeduuf nii filatu jechuudhaa. Dhiirris dhalaanis jechudha. Yeroo rifeensa keenya filannu kallattiin nuti ittiin rifeensa keenya filannu baayee murteessaadha. Kallatti itti rifeensi biqiuun filachuun baay’ee barbaachisaadha. Garuu kallattii faallalatiin yoo filanne rifeensi keenya akka inni caccabu, akka  inni nurraa dhumu gochuuf danda’a jechuudhaa.

Inni ja’affan rifeensi akka inni goggogu, akka inni caccabu, akka inni nurraa dhumu godhu keessaa tokko ifa aduu keessa yeroo dheeraa turuudha. Ifa aduu keessa yeroo dheeraaf deema yeroo turrutti carariin aduu irraa dhufu kunneen rifeensi mataa keenya akka inni goggoguu fi akka inni haphatu gochuuf danda’a jechuudha. Dabalataan rifeensi akka inni halluu isaa jijjiiruu fi dafee akka inni harrii baasu, akka inni molaa’u godha jechuudhaa. Kanaaf yeroo aduu keessa deemnu kooffiyaa godhachuu, gaaddisa qabachuu, yoo danda’ame aduu keessa turuu dhiisuudha.

Inni torbaffaani baayeen keenya rifeensa keenya erga miiccannee booda carqiidhaan rifeensa keenya qqorsuudhaaf jennee baay’ee sukkuumna. Inni kunimmoo akka rifeensi keenya caccabuu fi rifeensi keenya haalluun isaa ykn dibatni isaa akka irraa dhumu godha jechuudhaa. Kanaaf rifeensa keenya yeroo qoorfannu itti gadi qabnee suuta jennee gogfachuu nii dandeenya jechuudha. Bareedina rifeensa keenyaa eeggachuudhaaf nyaata madaalawaa isa barbaachisa. Nyaatni madaalawaan nuti fayyadamnu bareedina rifeensa keenyaatiinf baayee murteessoodha.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

error: Content is protected !!