Waantota  Sammuu Keenya Miidhan

0
Waantota  Sammuu Keenya Miidhan

Akkuma beekamu sammuun keenya waan hundumaaf bu’uura kan ta’ee fi qaamota keenya keessaa isa tokkoodha. Qaamni kunis qaamota keenya keessaa kan baay’ee murteessaa ta’eedha. Sababiin isaa waan qaama keenya keessa jiranii fi qaama keenyaan ala jiran too’achuuf akkasuma waan hundumaa akka raawwannu kan nu taasisu sammuun keenya jechuudha. Sammuun keenya waantota nuti beeknuu fi nuti hin beekne kan raawwatu hedduu qaba.

Egaa fayyaa sammuutiin ala fayyaa qaamoota birootiin yaaduun hin danda’amu. Fayyaan sammuun fayyaa qaamota keenya hundumaati. Namni fayyaa sammuun hin qabaanne waan kamiyyu dalaguu hin danda’u. Kaayyoo isaa galmaan ga’uu hin danda’u. Waan hundumaa gochuuf kan dandeenyu yoo sammuun keenya fayyaa qabaateedha, fayyaa sammuutiin ala homaa tokko gochuuf hin dandeenyu.

Haata’u malee fayyaa sammuun keenyaaf yeroo hedduu dhimma jabaa goonee yeroo itti yaannu hin qabbu. Namootni dhimma fayyaa sammuun irratti xiyyeeffannoo kennan hin mul’atan. Miidhaan karaa fayyaa sammuun keenyaan dhufu yeroo hedduu booda miidhaa guddaa nurra geesisuu mala. Rakkooleen yeroo dargaggummaa sirnaan nurratti hin mul’atan. Gara umuriin keenya 50 ol yeroo fagaataa deemu dhibeen har’a nutti hin mul’anne yeroo sana nurratti mul’achuu danda’a jechuudha. Kanaaf fayyaa sammuun keenyaaf har’a yoo irratti hin hojjenne bor miidhaa guddaadhaan nu saaxiluu danda’a jechuudha.

Sammuun keenya kutaa qaama keenya dhibbantaa 2% jechuudha. Nyaata nyaannu keessaa anniisaan sammuun keenya fayyadamu gara dhibbantaa 15% -20% ti. Kanaaf qaama keenya keessaa anniisaa guddaa barbaada.  Halkan utuu nyaata hin nyaatin yoo bulle akkasuma ganamas osoo nyaata hin nyaatin yoo bane hammi sukkaaraa qaama keenya keessaa gadi bu’aa waan deemuuf, dhiiga keessa sukkaarri jiru gadi bu’aa waan ta’uuf sammuun keenya guddaa miidhamaa deema, kunimmoo kallattumaan miidhaa guddaan nurra ga’aa deema jechuudhaa.

Sochii qaamaa gochuuf dhabuun kallattiinis ta’e al kallattiidhaan miidhaa guddaa qaama keenya irraan ga’uu danda’a. Kana jechuuni yeroo sochii qaamaa goonu keemikaalonni adda addaa kan sammuun keenya si’eessan gadi lakkifamu, yoo sochii qaamaa hin goone garuu qaama keenya miidhaa guddaan ga’uu danda’a jechuudhaa.

Inni biraan waantota sammuun keenya miidhan keessaa hirriba ga’aa dhabuudha.  Kana gaafa jennu yeroo rafnu seelonni sammuun keenyaa kan of haaromsaniidha.  Waantota kuusu qabuu fi kuusuu hin qabne adda baasuudhaan akkasuma waantota xura’aa kan of keessaa baasuudhaan qulqulleessuudha.  Yoo kan hin rafne taanee akka sammuun keenya xurawaan sammuun keenya hin baane akka of hin haaromsine waan goonuuf kunimmoo miidhaa jabaa nurraan geessisuu danda’a jechuudha

Kan biraan sammuun keenya miidhuu danda’an nyaata sukkaarri itti baay’ate baayinaan soorachuudha. Nyaata mi’aawwaa kan sukkaarri itti baay’ate yeroo mara soorachuun dhukkuba guddaa sammuun keenyaaf saaxila jechuudhaa.

Garmalee nyaata heddummeessuu, furdina qaamaa isaan kunis rakkoolee dhiiga waliin wal qabataniif nu saaxila. Namni furdaan tokko rakkoolee hidda dhiigaan wal qabaten hedduu qaba. Kunis ammoo hidda dhiigaa saammuu keessa jiru miidhuudhaan miidhaa sammuun keenya irraan geessisuu danda’a.

Inni kan biraan waantota sammuun keenya miidhan keessaa bishaan ga’aa dhuguu dhabuudha. Bishaan ga’aa dhuguun sammuun keenya qofa osoo hin taanee qaama keenyaaf murteessaadha, bishaan baayinaan dhuguun xuraawwan garaagaraa sammuun keenya keessaa akka badu gochuuf ga’ee guddaa qaba. Qaama keenya keessaa qabiyyeen 50% ol bishaaniidha. Keessattuu warra dhiiraatiif dhibbantaa 60% ta’a.Kanaaf qaamni keenya harki walakkaan bishaan jechuu dandeenya. Kanaaf yoo sirriitti bishaan hin dhugne ta’e sammuun keenya keessatti miidhaa guddaa geesisuu danda’a.

Inni kan biraan sammuun keenya miidhan keessaa  alkoolii dhuguudha. Yeroo hedduu namni dhugu tokko machaa’ee nii gantantara, kana jechuun sammuun keenya balance gateera, madaallii kan gateef ammuu sammuun keenya miidhamuu agarsiisa jechuudha. Kanaaf namni yeroo hundumaa irra deddeebiidhaan alkoolii dhuguudhaan beekamu rakkoon fayyaa sammuun kanaan salphaatti saaxilamuu danda’a jechuudhaa.

Waantotni fayyaa sammuun keenya miidhaan inni itti aanu tamboo aarsuudha. Tamboo aarsuun qaamolee keenya keessaa somba miidhuu danda’a itti fufee ammoo sammuun keenya irratti miidhaa jabaa geesisuu danda’a jechuudha. Kallattiinis ta’e alkallattin tamboo aarsuun sammuun keenya irratti miidhaa guddaa geessisu.

Waantotni sammuun keenya miidhaan biroonis jiru, isaan kunis dhiphina. Ilmi namaa inua dhiphata dhiphinni waanuma jiruudha. Waan mijataafis ta’e hin mijanneef, rakkoolee adda addaatiifis akkasuma haalota yeroo keessa jirruun wal qabsiisee baay’ee dhiphata namni tokko, kanammo sammuun keenya sirnaan akka hin yaadne nu taasisa jechuudhaa. Furmaanni kanaammoo waan nu dhiphisan irraa fagaachuudha, akka hin dhiphanneef haalota isin dhiphisan sana furmaata itti barbaaduudha.

Kan biraan waantota sammuun keenya miidhan tokko yeroo rafnu uffata halkaniin sammuun keenya haguugnee rafuudha. Kunis qilleensa baafanni qilleensa haaraadhaan akka wal hin jijjiirre godha. Haguuggannee gaafa rafnu qilleensi akka hin baane godha, kunis salphaatti sammuun keenya akka miidhu godha. Qilleensi ala bahuu qaba inni alaammoo seenuu qaba, kun hin jiru taanan sammuun keenya salphaatti miidhuu danda’a.

Boqonnaa dhabuu fi utuu dhukkubsanii dalagaa dalaguu. Utuu dadhabnuu yoo hojii humna hojjenna dhibee sammuu guddaadhaaf nu saaxila. Sammuun keenya boqonnaa barbaada, qaamni keenya boqonnaa barbaada kanaaf yoo saaxilamne garuu dhibee hamaadhaaf saaxilamna. Yeroo dadhabnee jirrutti hojii adda addaatiin yoo busy of goone yeroo muraasaan booda sammuun keenya nii miidhama amma garuu nutti fakkaachuu dhiisuu mala. Osoo dadhabnee jirruu, utuu qaamni keenya tokko dhukkubaa jiru yoo hojii hojjenne isa kanaaf nu saaxiluu danda’a jechuudha.

Inni kan biraani oduu fi yaada negative ta’aniin yeroo dheeraan guutamuu. Yeroo hundumaa yaada hamaa, oduu sirrii hin taane kan balaa of keessaa qabu dhaga’uu fi keessa ooluun fayyaa sammuun keenyaaf hedduu nu saaxiluu mala. Kun keessumaa guddina sammuun keenya irratti miidhaa guddaa qaba.

Yeroo hundumaa waan gaarii naannoo keessanitti hojjetama yoo ta’e sammuun keenya waanuma gaarii yaada, akkaataa naannoo keenyaatiin sammuun kan dagaagaa deema, waan sammuun keenya miidhu oduu sodaachisaa, rifaasisaa, yaaddessaa fi kkf yeroo hundumaa kan dhageenyu yoo ta’e sammuun keenya miidhaa jabaadhaan saaxilamaa deema. Dalagaan sammuun keenya haala naannoo keessa jirruun masakama, waan badaa yoo ta’e sammuun keenya akkasuma waan badaadhaan saaxilamaa deema kunimmoo guddina sammuun keenyaaf waan nu saaxiluudha. Haala danda’ametti oduu negative ta’an, gochaa negative ta’an, activity negative ta’an irraa of eeguudha.

Inni biraan qobaatti of baasani, hawaasa irraa bilisa of baasanii jiraachuu, hawaasaan marfamee, marsaa hawaasaa keessatti hammatamee kan jiraata fayyaa sammuun keenyaaf baay’ee murteessaadha. Adeemsa nuti hawaasa waliin goonu sana sammuun keenyas active ta’aa deema jechuudhaa.

Inni biraani fayyaa sammuun keenyaaf nu saaxilu namootni dukkana keessa turan saaxilamoodha. Turtii isaa ifa aduun ala , yeroo dheeraadhaaf dukkana keessa tureera taanan sammuun isaa dhibee kanaaf isa saaxila jechuudha. Akkasuma sagalee garmalee olkaasuudhaan Airphone dhaan dhaggeeffachuudha. Kunis gurra keenya qofa osoo hin taanee sammuun keenya irrattis miidhaa geessisuu danda’a jechuudha. Kanaaf furmaanni haga danda’ametti sagalee isaa gadi xiqqeessuudhaan dhaggeeffachuu danda’uudha.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

error: Content is protected !!